﻿Ergaa Phawuloos Gara Ximootewoosii Erge Ta Qaraa.
1.
Ana Phawuloosii, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatii fi Yesuus Kiristoosii addii teenna te'eetiin, ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa, 
Ximootewoosii dhugeeffanna'aan ilma dhuga'aa kiyya ite'e: Badhaadhi, mararti'ii fi nageenni Waaqa Abba'aatii fi Goottaa keenna Kiristoosii siif te'u. 
Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha. 
Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti. 
Yaadi ajaja kanaa ammoo jaalala gadhaa qulluu irraa, wodanaa dansa'aa fi dhugeeffannaa dhuga'aa irraa ka ka'e. 
Worri gariin kana irraa deebi'anee gara dubbii bu'aa hin qannee deebi'aneeran. 
Isaan barsiisota seera Waaqaa te'iisaaf barbaadan, ammoo waan dubbatanuuyyuu yookiin waan guutannee beenna jedhanuuyyuu hin hubatanu. 
Nami akka dansaa ittiin yoo huje seerri dansaa akka te'e hin beenna. 
Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin haadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf, 
sagaagaltootaaf, dhiira wol bukkoonsituuf, worra nama butee gurguruuf, worra nama sobuuf, worra dharaan kakatuu fi worra waan barsiisa sirrii te'een masaanuu te'u mara godhuuf tumame. 
Barsiisi sirrii te'e ammoo Wongeela ulfaataa Waaqa galateeffama'aa, ka ani lallabuuf inni natti kenne keessatti dhaggama. 
Ani Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, ka addatamaa godhee na laakkowee tajaajila ifiitiif muudee na jabeesse hin galateeffadha. 
Ani tanaan qara isa faanshessaa, miidhaa irratti geessisaa nama hunnaan isatti ka'u te'ulle, dhugeeffannaa dhabaa fi wollaalchaan tana waan godheef marartii dhaggadheera. 
Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa naaf dhangala'eera. 
Dubbiin, «Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe» jettu dhugitti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana. 
Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, na cubbaalessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera. 
Amma mootii bara baraa, ka hin duunee fi ka ilatti hin mudhanne, Waaqa tokkochuma saniif, baruma baraan guddinnii fi ulfinni isaaf te'u! Ameen. 
Ilma kiyya, Ximootewoos, tanaan qara waan keetiif dubbiin raagaa akkuma dubbatte, isii tanaan miidhassitee akka loltuuf ajaja kana magannee sitti kenna. 
Dhugeeffanna'aa fi wodanaa dansaa qabaadhu. Worri gariin wodanaa ifii tuffatiisaan, akkuma hoboloon guddittiin danbali'iin baddu dhugeeffannaa ifii balleessaneeran. 
Himnewoosii fi Iskindir fa'alle, jara san keessa jiran; ani akka isaan Waaqa faanshessuu dhiisuu baratanu adaba hunna Seexanaatitti dabarsee isaan kenneera. 
