﻿Ergaa Phawuloos Gara Worra Qolosaayisii Erge.
1.
Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, 
dhugeeffattoota Kiristoosiin woyyoontanee fi addatantane, ka qachaa Qolosaayisii keessa jirtanuuf: Waaqi Abbaan keenna badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. 
Yennaa isiniif daadimannu, yennaa mara Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin galateeffanna. 
Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalachuu keessan dhageenneerra. 
Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna'aa fi jaalalli keessan addii ol-gubba'atti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte. 
Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti. 
Ephafraas jaalatamaa ka addee teenna bu'ee tajaajilaa addatamaa Kiristoosii te'ee fi ka nu wolille'een hojjatu irraa tana barattaneertan. 
Ayyaana Waaqaatiin isin wol jaalatiisa keessanille inni nutti himeera. 
Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa gaafatiisa hin lakkinne. 
Akka isin akka Gootta'aa maltetti le'iisaan guutuma guutu'utti isa gammachiittanu, hujii dansaa hujiisaan midhaan akka buuttanuu fi Waaqalle beekiisaan ittuma guddattanu hin daadimanna. 
Goottaan hunna ifii ulfaata'aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande'iisaafille ka gammaddanu isin godhu. 
Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha'a. 
Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. 
Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra. 
Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. 
Sababilleen wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba'aa, dura aantole'ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. 
Inni waan duudi'iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate. 
Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti. 
Guutummaa waaqumma'aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Abba'aa waan te'eef tun teete. 
Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te'ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera. 
Duraan Waaqa irraa fagaattanee le'aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneertaniiyyu. 
Amma ammoo woyyoole'ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma'aatiin waan du'eef Waaqi ifi woliin isin araarse. 
Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu'uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te'eera. 
Ani amma isiniif rakkachuu kiyyaan hin gammada; marroo wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eelle, rakkinna Kiristoosii qoodamiisa irraa waan naa dhidhate foon kiyyaan rakkatiisaan hin guuta. 
Jecha Waaqaa guutuma guutu'utti isiniif mudhisiisaaf, akkuma itti gaafatamummaan naa kennantetti ani tajaajilaa wolde'a kiristaanaa te'eera. 
Jechi Waaqaa kunille, dhossaa baroota dabarane ilmaan namaa duraa dhokattee turtee, amma ammoo kolbaa isaatitti mudhifante. 
Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te'in oddu'utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan. 
Maarre nuuti nama maraaf Kiristoos lallanna. Nami mara Kiristoosiin ka bilchaate akka te'u, qarooma maraan nama mara hin gorsina, hin barsiinnalle'e. 
Tun akka teetuuf, karaa hunna jadduu Kiristoos kennuu, ta ana keessatti hujiisatti jirtuutiin, ani wodhaantoo qabataa itti elowa. 
