﻿Ergaa Phawuloos Gara Worra Efesoonii Erge.
1.
Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuusii te'e irraa: Worra Kiristoos Yesuusiif addatantane, kolbaa Waaqaa ta Efesoon keessa jirtanuuf, 
Waaqi abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. 
Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba'aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! 
Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera. Jaalala ifiitiin, 
karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa'aatitti duruu murteesseera. 
Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama'aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe. 
Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane. 
Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkumsa maraan nuuf dhangalaase. 
Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa'aatitti akka nuuti beennu godhe. 
Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa. 
Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate. 
Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addii godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu. 
Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan. 
Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti. 
Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalatiisa keessan dhage'ee jalqabee, 
daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne. 
Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha. 
Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te'e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, 
nu worra dhugeeffatulle'eef, hunna isaa ta waan duudi'iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka, 
yennaa inni Kiristoos du'a keessaa kaasee, ol-gubba'atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. 
Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise. 
Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde'a kiristaanaatiif isa kenne. 
Wolde'i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti. 
