﻿Ergaa Phawuloos Gara Worra Galaatiya'aa Erge.
1.
Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te'in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du'aa kaaseen, ergamaa te'ee ka ergame, ana Phawuloos biraa, 
obboleeyyan na woliin jirtu mara biraa: wolde'oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf, 
Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu! 
Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne. 
Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te'u! Ameen. 
Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi'uun keessan na baaseffachiitteerti. 
Worri isin kem'i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu. 
Te'uu malee, nu'ulle yoo te'e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba'aalle yoo te'e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te'uu ti! 
Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi'ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te'uu ti! 
Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu. 
Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada. 
Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle na hin barsiinne. 
Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleessiisaaf wodhaanaa ture. 
Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te'ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teennaatille'eef akka malee hin hinaafaayyu. 
Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura na filate; badhaadha ifiitille'een na waame. 
Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te'in oddu'utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii natti mudhisiisa jaalate, ani nama tokkolle woliin hin mari'anne; 
yookiin gara worra anaan dura ergantoota te'ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo'otti deebi'e. 
Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroos ilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture. 
Obboleessa Gootta'aa Yaaqoob malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine. 
Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te'in, Waaqi hin beeka. 
Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa dhaqe. 
Wolde'ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda'aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu. 
Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage'aneeran. 
Sababa kiyyalle'eef Waaqa galateeffatane. 
