﻿Worra Rooma'aa.
1.
Ana Phawuloosii tajaajilaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi ergamaa te'iisaaf waamamee, Oduu Gammadaa ta Waaqaa akka lallabuuf Waaqi file irraa: 
Oduun Gammadaa tun akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffante, ta Waaqi bara heddu'uun duratti karaa raagota ifiitiin waadaa gale. 
Oduun Gammadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawitii keessaa dhalatee dubbatti; 
akkasuma Goottaan keenna Yesuus Kiristoos Ayyaana Woyyichaan du'a keessaa ka'iisaan, Ilma Waaqaa akka te'e hunna guddo'oon beekkameera. 
Karaa isaatii fi maqaa isaatii jedhee, worri Yihudoota hin te'in mara akka dhugeeffatuu fi ajajamu, akka ani qajeelchuuf badhaadha ergamaa te'iisaa, Waaqi naaf kenneera. 
Isinille worri Roomaa keessaa, ka Yesuus Kiristoosii akka teetanuuf Waaqi waameera. 
Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaalatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu. 
Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha. 
Waaqi ani gadhaa tokkochaan Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa dubbattu lallabiisaan tajaajilu, akka ani yennaa mara daadimannaa tiyyaan isin qaabadhu dhugaa tiyya. 
Waaqi fedha ifiitiin dhuma irratti akka ani amma dhufee isin dhagguuf akka na dandeessisu gaafadha. 
Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. 
Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya. 
Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffattoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada. 
Ani kolbaa maraaf, worra Giriikootaatii fi worra Giriikoota hin te'iniifille, qaroole'ee fi gowwoole'eefille itti gaafatama qaba. 
Maarre ani isin worra Roomaa keessa leetanuufille, Oduu Gammadaa lallabiisaaf halchaa qaba. 
Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te'in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti. 
«Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma. 
Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti. 
Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande'anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura. 
Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu. 
Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille'een shufuroo te'ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte. 
Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole'e; 
ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du'uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane. 
Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma'aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. 
Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen. 
Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. 
Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane. 
Namooti Waaqa beekiisa waan didaneef, Waaqi qalbii jallaametti'iif dabarsee isaan kenne; tanaaf isaan waan hujiisaaf hin malle hujan. 
Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan, 
maqaa wol balleessan, Waaqa jibban, wol arrassan, hin bondhooran, ifi saadan, karaa heddu'uun hammeenna barbaadan, worra ifiitiif hin ajajamanu, 
hin qalbeeffatanu, waan dubbatanu hin guutanu, woli hin jaalatanu yookiin woliif naasuu hin qabanu. 
Isaan Seera Waaqaa ka, «Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male» jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, «Dansaa gootane» jedhan. 
