﻿Zakaariyaasii Raagichaa.
10.
Rooba furmaataa akka isinii kennuuf, Mootii Waan Maraa gaafadha'a; ka duumensa roobaa ergee, tiifuu roobaa isinii kennee, fichaa magariisa godhu Mootii Waan Maraa ti. 
Waaqoti dharaa waan gatii hin qanne dubbatan; worri moru mudhii dharaa dhaggan; oojjuu sobaalle himan. Isaan akkasumaan nama jajjabeessan; tanaaf kolbaan tissee dhaddee rakkattee, akka hoole'ee joonjiti. 
Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera; sooressitootalle hin adaba. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa. Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruu isaan hin godha. 
Kolbaa Yihuda'aa keessaa bulchitooti ta akka dhakaa roga ijaarsaa ta akka togaa dunkaanaatii fi guubee lolaa jiranu hin ka'an. 
Isaan wolumatti te'anee akka loltoota jajjabaa diinota ifii dhoqqee karaa keessaa irratti dhidhiitanee injifatanuu hin te'an. Mootiin Waan Maraa isaan woliin waan jiruuf isaan lola keessatti abbootii fardaa diinota hin qaanessan. 
«Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa; kolbaa Israa'eliille hin fayyisa. Ani isaaniif waan nawuuf, akka duriititti isaan hin deebisa. Isaan akka ani tanaan qara ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, daadimata isaanii hin dhage'a. 
Kolbaan Efreemii akka worra jajjabaa hin te'an. Isaan akka nama daadhii woyni'ii unee hin gammadan. Ijoolleen isaanii tana dhaggitee hin gammaddi; gadhaan isaaniille Mootii Waan Maraatitti hin gammada. 
Ani kolbaa tiyya beessisaan waamee wolitti isaan hin qaba. Ani isaan waan woduuf akkuma durii laakkossa isaanii hin fakkansa. 
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti isaan bittinneessulle biyya fagoo san jiraatanee na hin qaabatan. Isaanii fi ijoolleen isaanii jiraatanee, gara biyya ifii hin deebi'an. 
Ani biyya Gibxi'iitii deebisee isaan hin fida. Biyya Asoorii keessaalle'ee haga latti isaan dhiphattutti wolitti isaan qabadha. Gara biyya Giil'aadiitii fi Libaanonii deenisee isaan hin galcha. 
Yennaa isaan abbaayaa rakko'oo keessa dabaranu, ani danbalii hin dhowa. Qilee ka te'e lagi Nayilii hin goga. Asoor hin salphatti; Gibxille ulee bokku'uu ta mootumma'aa hin dhaddi. 
Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa. Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha. 
