﻿Zakaariyaasii Raagichaa.
9.
Dubbiin mura'aa ta Mootii Waan Maraa marroo biyya Hadraakiitiif dubbate qachaa Damaasqo'oolle geette. Ilti namootaatii fi gosa Israa'elii duudiin gara Mootii Waan Maraa hin ilaalti. 
Haamaati ta meessaa isaanii jirtu, Xiiroosii fi Sidoon guddoo qaroolee te'anulle gara isaa hin ilaalan. 
Xiiroos kushee ijaarratteerti; meetii akka biyye'ee, worqii akka dhoqqee karaa keessaa tuulatteerti. 
Mootiin Waan Maraa ammoo waan isiin qaddu mara irraa hin mulqa; karra isi'ii mara gara abbaaya'aa hin gata; isiille ibiddaan gubattee hin baddi. 
Worri Ashiqalonii tana dhaggee hin sodaata; worri Gaaza'aalle hin hollata. Worri Eqroonille addii hin kutata; worra Gaaza'aa keessaa mootiin hin dhabama; Qachaan Ashiqalonii hin ona. 
Kolbaan makante qachaa Ashidoodii keessa hin leeti. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u, «Ani koora Filisxeemotaa hin balleessa. 
Isaan haganaa achi foon dhiiga qabu yookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu. Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a, biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an. Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a. 
Ani mana kiyya, saantota irraa hin eegadha. Ani ila tiyyaan isaan waan eeguuf, nami isaan miicu, haganaa achi deebi'ee isaan keessa hin bayu» jedha. 
Kolbaa Xiyoonii, guddoo gammada'a! Kolbaa Yerusaalemii, ilillisa'a! Kunoo, mootichi keessan balchaan, injifataan, gad ifi qabee, ilmayyoo harre'ee irraa tee'ee, gara keessan hin dhufa. 
Mootiin Waan Maraa, «Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa, fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa. Guubeen lolaalle hin baddi; Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif, nageya hin lassa. Bulchiisi isaa abbaayaa irraa, haga abbaaya'aa, laga Efraaxiisii irraa haga dhuma lafaa ti. 
«Isiniif sababa gondooroo tiyya, ta dhiigaan isin woliin gondooreetiif jedhee, worra hidhamane keeti, boolla bisaan hin qanne keessaa, bilisa hin baasa. 
Isin worri hidhantanee, addi'iin jirtanu, gara addee nageyaa teessanitti deebi'a'a; ani adha addee duriititti dachaa lama isiniif hin deebisa. 
Ani Yihudaa akka guube'eetitti, Efreem akka daayaatitti, namoota Giriiki'ii loliisaaf, ilmaan Xiyoonii akka shallaaga'aatitti hin fayyadama» jedha. 
Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin gubba'atti hin mudhata; daayi isaa akka balaqqeetti'ii hin utaala. Mootiin Waan Maraa Waaqi qoonqoo tultulla'aa hin dhageessisa; bubbee gara kibbaa keessa, itti hin ideema. 
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii irraa hin dhoogga; isaanille dhakaa looyya'aatiin diina ifii hin balleessan; akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan; akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aa hin guutaman. 
Gaafas Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii akka tisseen horii ifii waan hantuu irraa fayyisu kolbaa ifii hin fayyisa. Isaan akka dhakaa gatii guddo'oo ka kallacha irraa lafa isaa keessatti hin calalaqan. 
Latti attam attam Shagga'aa fi dansa'a! Midhaanii fi daadhiin woyni'ii ta isii irraa dhaggantu, Dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa hin bisileessiti. 
