﻿Kitaaba Zakaariyaasii Raagichaa.
1.
Bara Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa akaakoo Iddoo dhufee, 
«Mootiin Waan Maraa, abbootii teessanitti guddoo aareeraayyu. 
Tanaaf, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Gara kiyya deebi'a'a!» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Anille gara keessan hin deebi'a» jedha› jedhiin. 
Isin akka abbootii teessan ta durii, ta raagoti durii, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Karaa keessan hamaa irraa, hujii teessan hantuu irralle'ee deebi'a'a!» jedha› jedhanee adoo isaanitti himanuu, na dhage'iisa yookiin naaf ajajamiisa dhabane sanii hin ite'ina'a! Tana ana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. 
Abbootiin teessan amma eessa jiran? Raagoti bara baraan hin le'anii ree? 
Dubbii tiyyaa fi qajeelcha kiyya ka ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin ajaje eegatuu dhabiisaan ammoo, adabamanee hin jiranuu ree? Tanaaf isaan cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, akkuma murteessetti akka huji'ii fi ideensa keennaatitti nutti mure› jedhane» jedhe. 
Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a kudha tokkeessoo ka «Shebaax» jedhamutti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa Iddoo dhufe. 
Ani Zakaariyaas halkan san mudhi'iin nama farda arrowa irra tee'eeru tokko dhagge; inni mukoota dakkaraa odduu, dhooqa keessa dhaabbateera; duuba isaatille'een fardi arroonni, fardi boorrii fi fardi adiin jiraniiyyu. 
Anille, «Ee goottaa kiyya, fardoon tun maan?» jedhee gaafadhe. Inni deebisee, «Isaan maan akka te'ane ani si'itti hin mudhisa» jedhe. 
Maarre namichi mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru sun deebisee, «Isaan worra Mootiin Waan Maraa lafa qorqoriisaaf ergeeru» jedhe. 
Isaanille ergamaa Mootii Waan Maraa ka mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru saniin, «Nuuti lafa duudii qorqorreerra; latti duudiin nageya» jedhane. 
Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara Dadde! Ati qachaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa ka woggaa torbaatama itti mufatte kana, ka hin mararre haga yoomiiti ree?» jedhe. 
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ergamaa na woliin dubbatiisatti jiru sanitti, dubbii gammachiittuu fi jajjabeessitu deebise. 
Tanaaf ergamaan na woliin dubbatiisatti jiru sun anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif guddoo hinaafeera; 
ani kolbaa tiyyatti diqqoo aareeraayyu; gosi biyya adda addaa worri nageyaan le'a ifi seyu ammoo, ittuma dabalee hantuu waan hujjeef, guddoo itti aareera. 
Tanaaf ani mararti'iin gara qachaa Yerusaalemii hin deebi'a; manni kiyyalle deebi'ee hin ijaarrama; wodaroon miki'ii Yerusaalem ijaariisaaf hin diriirfama; waan kana ana Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadetti dubbate› jedhii lallabi» jedhe. 
Ammalle ergamaan, anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Qachooti kiyya waan dansa'aan deebi'anee hin guutaman; Mootiin Waan Maraa ammalle Xiyoon hin jajjabeessa; Yerusaalemille hin fooyata› jedhii lallabi» jedhe. 
Ani ol ilaalee gaafota afur dhagge. 
Ergamaa na woliin dubbate saniin, «Gaafoti kun maan?» jedhee gaafadhe. Innille deebisee, «Gaafoti kun kolbaan Yihuda'aa, kolbaan Israa'eliitii fi Yerusaalemii akka bittinnowanu ka godhe» anaan jedhe. 
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa namoota sibiila tumanu afur natti mudhise. 
Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe. Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda'aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi'iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe. 
