﻿Kitaaba Naahomii Raagichaa.
1.
Mudhiin marroo Nanawwe'ee, kitaab mudhi'ii ka Naahomii nama biyya Elqoshii kana. 
Waaqi hinaatticha; Mootii Waan Maraa ka haluulle bawu; inni mufii jadduu ifiitiin diinota ifii irratti balaa buusa. 
Waaqi hunnaa guddoo qaba, ammoo ariifatee hin aaru; Yakkaamessa adabu male hin lakkisu. Karaan isaa bubbe'ee fi danbalii keessa; duumensi bukuu miila isaa ti. 
Inni abbaayaa xixee hin gossa; laga maralle hin gossa; Baashaan latti marraan beekkantee fi Qarmelos latti qonnaan beekkante qooraneeran; daraaraan Libaanosii harca'aneeran. 
Gaaroti isa duratti hin tacho'an; koobotille hin baqan. Latti isa duratti, biyyi lafaatii fi ka isii keessa le'anu marti hin raafaman. 
Mufii isaa jadduu dura eentu dhaabbatuu dande'a? O'a aarii isaa eentu dande'ee ossa? Mufiin isaa akka ibiddaa bobeetti; rassaalle isa duratti hin bututa. 
Waaqi dansa'a; yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu. Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga; 
diinota ifii ammoo akka lolaa haxowuu ijjumaa balleessee, dukkanatti hin ari'a. 
Isin maaf Waaqa irratti mala dhoottan? Inni ijjumaa isin hin balleessa; lammeessoo nami isa irratti ka'u hin jiru. 
Isin worri machoottanu, akka qoree wol xaxxeetii fi akka hicaacee goddee hin gubattan. 
Ee Nanawwe'e, nami Waaqa irratti mala dhowu, ka waan hantuu gorsulle, si keessaa ka'e. 
Mootiin Waan Maraa, kolbaa ifii Israa'eliin, «Worri Asoorii hunnaameyyi'ii fi hedduu te'anulle, ijjeefamanee, hin badan. Kolbaa tiyya, tanaan dura ani isin rakkisulle, yoona deebi'ee isin hin rakkisu. 
Amma ani waanjoo worra Asoorii isin irraa cassee, wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantane isin irraa hin ciccira» jedhe. 
Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii, «Haganaa achi sanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu; galma waaqota keessanii keessaa waaqota dharaa fakkii bocantee fi fakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa. Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef, boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera. 
Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu, ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara. Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef, haganaa achi biyya teessan hin qabatanu. Tanaaf, gammadaan jilifadha'a. Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a. 
