﻿Yoonaasii Raagichaa.
2.
Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee, 
«Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe, atille naa deebitte. Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe, atille naa dhageette. 
Ati gara gadhaa abbaaya'aa, qilee keessatti, addee bisaan na marsetti na gatte; hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate. 
Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera; deebi'ee Galma woyyicha keetii hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe. 
Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera; Abbaayaan ijjuma na buxxeerti; marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame. 
Ani gaarota jalatti, lafa balbalti haga bara baraa natti cufantetti gad bu'e. Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo, jiru'uun qilee keessaa na baatte. 
Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti, Mootii Waan Maraa kiyya, ani gara keeti daadimadhe; Galma woyyicha keeti keessalle'ee daadimata kiyya naa dhageette. 
Worri waaqota dharaa waaqonsu badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban. 
Ani ammoo faaruu leellisaatiin; ciincaa si'iif hin dhikeessa. Waan waadaa si'iif galelle hin godha. Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe. 
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte. 
