﻿Kitaaba Obaadiyaa Raagichaa.
1.
Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti: Ergamaan tokko gara gosa biyya adda addaa ergamee, «Ka'aa! Dhandhee, biyya Edoomii lollaa!» jedhuun ergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra. 
Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin, «Kunoo, gosa biyya adda addaa keessatti akka ati dadhaddu, ijjumaa akka tuffatantu hin godha. 
Ati ka mana keeti addee ol jette gaara irratti ka ijaarratte, ka holla dhaka'aa keessa leetu, ‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu, koora keetittuu si sobe. 
Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle, mandhee teeti urjoota oddu'utti, yoo ijaarrattelle, ani achii gad si buusa 
Hattuun Yookiin saantuun halkaniin mana keeti yoo dhufane, haguma barbaadane qofa fudhatan. Worri midhaan woyni'ii guuratulle, woxoo hin lakkisa. Diinni keeti ammoo ijjuma si hin balleessa. 
Isin sanyiin Esaawuu manni keessan soffameera. Karri teessan duudiille saamanteerti. 
Goliin teeti si sobanee, biyya teeti keessa si ari'ane. Jaaloti teeti worri addatamane dhossa'aan tiyyoo si duratti afanee, ‹Qarummaan isaa meet› jedhane. 
Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa: Ani qaroolle Edoom keessaa, worra hubantii qabu gaara Esaawuu irraa hin balleessu. 
Ee qachaa Temaanii! Loltooti teeti hin bararaqan; worri gaara Esaawuu irra jiranu martinuu hin ijjeefaman. 
«Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobii hunnaan waan ijjeetteef, hin qaanotta; haga bara baraalle hin badda. 
Guyyaa alagaan karra saame, worri ormaa dalleya cassee seenee Yerusaalem irratti hixaa buufate, atille akkuma worra sanii itti teetee, irraa fagaattee dhaabbatte. 
Guyyaa obboleessi keeti rakkatu isatti qacifatuun, guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun, guyyaa gadda isaanii geeraruun si'iif hin malle. 
Guyyaa badii kolbaa tiyyaa qachaa isaanii seenuun, guyyaa badii isaanii itti qacifatuun, karra isaaniille saamuun si'iif hin malle. 
Guyyaa gadda isaanii qaxxaamura kara'aa irra dhaabbattee worra baqatanee bayanu qaddee dabarsitee diinotatti kennuun, si'iif hin malle. 
«Guyyaan ani Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera; Edoom, akkuma ati nama irratti goote si'i irralle'etti hin godhama; hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti. 
Akkuma kolbaan tiyya gaara kiyya woyyicha irratti muduunuu rakko'oo unte, gosi biyya adda addaa marti adoo wol irraa hin kutin hin unti; irra caalaalle hin unti; akka hin jirrelle hin teeti. 
Worri gariin ammoo gaara Xiyoonii irratti hin hafan, gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a; sanyiin Yaaqoobii ammoo worra lafa isaanii isaan irraa fudhate irraa deebifatanee hin fudhatan. 
Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa, sanyiin Yoseefiille akka bobe'aa te'anee, sanyii Esaawuu ta akka huuraa gubanee hin fixan; sanyii Esaawuu keessaa ka hafu tokkolle hin jiru. 
Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranu gaara Esaawuu, worri gaara jala jiranu ammoo biyya Filisxeemotaa hin qabatan; isaan Samaariya'aa fi lafa sanyii Efreemii hin qabatan; sanyiin Beniyaaminii ammoo Giil'aad hin qabatan. 
Loltooti Israa'elii worri booji'amee Kana'aan keessa jiru haga Zaarefa'aatitti hin qabatan; worri Yerusaalemii booji'amee Safaaraad jiru qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu hin qabatan. 
Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irratti ol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan; yennaa san mootummaan ta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.
