﻿Amosii Raagichaa.
9.
Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge; innille, «Hundeen akka raafamu guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii mataa namootaa irratti caccassi. Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa; isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu; ka jalaa miliqu hin jiru. 
Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulle yoo gad bu'ane, harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa; gara ol-gubba'aa yoo bayanelle, ani achille'ee gad isaan hin buusa. 
Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle, ani achi irra isaan barbaadee qabee gad isaan hin buusa. Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle, achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja. 
Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle, achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja; dansa'aaf adoo hin te'in, ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha. 
Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, lafa hin tuqa; isiin hin baxxi; worri isii irra le'u marti hin bowa; latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati; achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti. 
Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare, hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse, ka bisaan abbaaya'aa waamee, lafatti lolaasu maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. 
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree? Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase, worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa, worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?. 
Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ilti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti; lafa irraa isii hin balleessa; te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha. 
«Kunoo, ani ajaja hin baasa; akka midhaan meemme'een meemmessanuu, kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa; te'uu malee midhaan tokkolle meemmee keessa dabaree lafa hin bu'u. 
Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin, ‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an. 
«Mootummaan Daawitii akka dunkaanii jiddee ti. Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa; addee isiin ciccitte hin erba; waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree, akkuma isiin dur jirtu hin godha. 
Achiin duuba Israa'el worra biyya Edoomiititti baraaree hafanee fi gosa biyya adda addaa ka maqaa kiyyaan waamamanu mara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraa ka waan kana akka isiin teetu godhu. 
Mootiin Waan Maraa, «Barri ka haamu haamee adoo hin fixin, ka qotu dhufu, nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin, ka woynii cunfu dhufu hin dhufa. Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi; koobota mara irralle'ee hin lolaati. 
Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'el gara lafa isaaniititti hin deebisa; isaan qachaa ifii ka diigame deebisanee ijaaratanee keessa hin le'an. Muka woyni'ii dhaabbatanee, daadhii woyni'ii irraa hin unan; oorruu adda addaa dhaabbatanee midhaan irraa hin nyaatan. 
Ani kolbaa tiyya Israa'el lafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba; lafa ani isaanii kenne irraa deebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedha Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan.
