﻿Amosii Raagichaa.
8.
Goottaan, Mootiin Waan Maraa, mudhii dhibii natti mudhisee kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge. 
Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe; anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti; haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru. 
Faaruun Galma Waaqaa keessaa gara bowaa hin jijjiiranitti; reeffi namaa hin bacata; addee maralle'etti hin gatama. Cadhi hin jedhan» naan jedhe. 
Isin rakkataa irra worri sirbitanu, hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu, tana dhage'a'a! 
Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf, jilti baatii ji'aa yoom dabarti? Qamadii dikkoo akka geeffannuuf, waan itti safarru diqqeessinee gatii guddo'otti akka gurguranu, madaallii sobaalle'een midhaan akka gurgurannu Sanbati yoom dabara? 
Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin, worra rakkataa kophee miilaatiin hin bitannaayyu. Qamadii huura qaddulle hin gurgurannaayyu» jettan. 
Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee, «Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera. 
Waan kanaan latti tachootee, worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree? Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee, akka bisaan laga Gibxi'ii ol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree? 
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san aduun saatii jaatti akka seentu hin godha; ifa guyya'aa keessa latti akka dukkanoottu hin godha. 
Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti, faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira. Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu, mataa keessanille akka haadattanu hin godha. Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee, dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera. 
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa; beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraa dhage'iisa dhabanee beelotanu malee, beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti. 
Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf, abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii, kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan; isaan ammoo isa hin dhagganu. 
«Bara san durri shashaggoole'ee fi dhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban. 
Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu, yookiin ka, ‹Ee, Daan, dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhu yookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu, isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha. 
