﻿Amosii Raagichaa.
6.
Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu, ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu, worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keessan dhufanu, isin qondaaltoti gosa worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu worri ifi seetanu isiniif aanne'e! 
Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a; achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a; achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa gara qachaa Gaatii gad bu'a'a. Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree? Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree? 
Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee, bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan. 
Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan; taqee gaggabaadduu irra balxiixxan. Hoolee keessaa foon buruusotaa, loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan. 
Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan; akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan. 
Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan; fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee, badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu. 
Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan; fexxeessi keessanii fi dalaqiis keessan hin hafan. 
Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee, «Koora kolbaa Israa'elii jibbeera; kushee isi'iille diqadheera; tanaaf qachaa isaaniitii fi waan qachaa keessa jiru mara diinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera. 
Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an. 
Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha. 
Mootiin Waan Maraa waan ajajeef, manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman; manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an. 
Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree? Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree? Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti, hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane. 
Isin worri qachaa, «Lodbaar» jedhamu qabatanee firinxiixxanu, ka qachaa, «Karnaayim» jedhamu jabeenna keennaan fudhanne jettanu, 
Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa Israa'elii, ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa; kolbaan sunille gara Kaabaatiin seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee, gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha. 
