﻿Amosii Raagichaa.
5.
Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a: 
Israa'eliin akka durraa jiddeerti; deebiteelle hin kaatu; lafuma ifii keessatti gatante; nami isii ol kaasulle hin jiru. 
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase, isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa. Qachaan loltoota dhibba duula baase, isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha. 
Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a! 
Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf, Bet'elille waan woy hin baaneef, Bet'el hin barbaadina'a; Giilgal hin dhaqina'a Bersheebaalle hin dhaqina'a» jedha. 
Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a; yoo akkas hin te'in inni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha; worra Bet'eliille ibiddi hin fixa; nami isa irraa dhaanfulle hin jiru. 
Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu, dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e! 
Urjoota, «Torbii» jedhamanu ka dade, urjoota, «Sadee» jedhamanulle ka dade, dukkana gara ifa guyya'aa, guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru, bisaan abbaaya'aa waamee, lafa irra akka lola'u ka godhu, maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti! 
Inni kushee jadduu hin bobeessa; qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarame irralle'etti badii hin fida. 
Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan; nama dhugaa dubbatu tuffattan. 
Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan; hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan. Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle, achi keessa hin leetanu. Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle, daadhii woyni'ii irraa hin untanu. 
Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee fi cubbuun teessan attam attam guddoo akka teete ani hin beeka. Isin worra balchaa cunqursitanee, safuu irraa fudhattanee, worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatitti haqa akka hin dhagganne gootan. 
Tanaaf barri hamaa waan te'eef, yennaa akkasiititti nami qalbeeffataan cadhi hin jedha. 
Isin jiru'uun akka jiraattanuuf, waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a. Achiin duuba akkuma isin jettanu Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isin woliin hin jiraata. 
Waan hantuu jibba'aatii, waan dansaa jaaladha'a; badhinna kora mura'aatitti haqi akka jiraatu godha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u kolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a. 
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Karaa mara irratti wiiccifati bowaa, woldeennaa kara'aa mara irratti iyyi farraa hin teeti. Qonnaan bultooti bowaaf, worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman. 
Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a; ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf, tun marti isin irratti hin teeti» jedha. 
Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e! Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan? Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti malee ifaa moti. 
Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuu doobba'atti dhufuu, yookiin isa duralle'ee bayee mana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatu dhudhuufaan idduu ti. 
Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkana dimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree? 
Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe; yaa'iin teessanille na hin gammachiittu. 
Isin kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle, ani hin fudhadhu. Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle, ani hin ilaalu. 
Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a; ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu. 
Ammoo haqi akka bisaan lagaa, balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti. 
«Ee kolbaa Israa'el, woggaa afurtama goomolee keessatti isin ciinca'aa fi kennansa naaf dhikeessitaneertanii ree? 
Waan ifumaaf hujjane, mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fi waaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan. 
Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattanee akka isin booji'antanu hin godha» jedha; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u. 
