﻿Amosii Raagichaa.
3.
Ee kolbaa Israa'elii, dubbii Mootiin Waan Maraa isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti dubbatu tana dhage'a'a! 
Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe; tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera. 
Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin karaa hin deemanii? 
Neenqi gongomaa keessatti waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin dhangaa hin dhowaa? Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin mandhee ifii keessaa hin gurura'aa? 
Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii? 
Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu, kolbaan hin sodaattuu ree? Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree? 
Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin waan tokkolle hin godhu. 
Neenqa dhangaa dhowe, ka hin sodaanne eennu ree? Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte, ka raaga hin dubbanne eennu ree? 
Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii, «Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a; hogaa isii keessaatii fi cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan. 
Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e attam akka hujanu hin beekanu; waan hunnaan nama irratti ka'anee saamaneen mana ifii guutatan» jedha. 
Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinni lafa hin qabata; kushee jajjadduu teessan diigee mana keessanille hin saama» jedha. 
Mootiin Waan Maraa, «Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu, Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra, Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu, akkasuma hin hafan» jedha. 
Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a. 
Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu, addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga; gaafoti addee ciinca'aa muramanee lafa harca'an. 
Ani mana isaan yennaa gannaatii fi yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga; manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada; Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha. 
