﻿Kitaaba Yo'elii Raagichaa.
1.
Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Yo'elii ilma Phetu'elii dhufe kana: 
Isin jaarsoleen dhage'a'a! Worri Yihudaa keessa jirtanu dhage'a'a! Wonni akkasii kun bara keessan keessatti, yookiin bara abbootii teessanii keessatti teetee beettii? 
Waan kana ijoollee teessanitti hima'a; ijoolleen teessanille ijoollee ifiititti, ijoolleen isaaniille dhaloota dhufutti himanuu ti! 
Ka ilmoolee awwaannisa irraa hafe, awwaannisi dargageessi nyaate; ka awwaannisa dargageessa irraa hafe, awwaannisi gugurdaan nyaate; ka awwaannisa gugurdaa irraa hafe, korophiis nyaate. 
Daadhiin woyni'ii waan isin irraa citteef, isin worri machoottanu, dammaqa'aatii bowa'a! Isinille worri daadhii woyni'ii untanu, wiiccifadha'aa bowa'a! 
Kolbaan hunnaameyyiin bandallaan biyya tiyya tinteerti; ilkaan isaanii akka ilkaan neenqaa, a'oon isi'ii akka a'oo neenqa dhala'aa ti. 
Isaan woynii tiyya balleessane; muka harru'uu kiyyalle mummurane; quncee irraa quncisanee gatanee, dameeleen addaattee hatte. 
Akka intala durraa woyaa gaddaa uffattee, nami isii kadhatu waan du'eef boottuu, isinille bowa'a! 
Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii Galma Mootii Waan Maraa irraa citte; tanaaf hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu wiiccifatanee bowan. 
Fichaan duwwaa hafeera; midhaan badeera; muki woyni'ii gogeera; muki ejersaalle qooreera; tanaaf latti hin bootti. 
Qamadi'ii fi garbuun, midhaan galfamu martinuu waan badeef, isin qonnaan bultooti gadda'a! Isin worri woynii dhaabulle bowa'a! 
Muki woyni'iitii fi harru'uu qooreera; muki rumaani'ii, muki meexxi'iitii fi appilii, muki ficha'aa duudiin gogeera; gammadi ilmaan namaa badeera. 
Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii ta Galma Waaqa keessaniitiif dhikeessitanu waan hin jirreef, isin hayyooti woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a! Isin worri addee ciinca'aatitti tajaajiltanu, wiiccifadha'a! Isin hayyooti Waaqa kiyya tajaajiltanu woyaa gaddaa uffadha'aatii halkan duudii bowa'a! 
Laamaa woyyicha lassa'a! Yaa'ii woyyittii waama'a! Jaarsole'ee fi worra biyya san le'anu mara, Galma Mootii Waan Maraa Waaqaa keessaniititti wolitti qaba'a! Gara Mootii Waan Maraalle iyya'a! 
Aanne'e! Guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera! Waaqi waan mara dande'u guyyaan inni badii fidu dhikaateera. 
Sagaleen ila teenna duraa, gammadii fi ililleessi Galma Waaqa keennaa keessaa, ijjumaa badeera. 
Sanyiin facaafante biyyee jalatti korondhatteerti. Midhaan waan badeef, manni kuusaa duwweera; gootaraalle diigameera. 
Loon marra waan dhabaneef, madhataa asii achi yaa'an; hoolotille rakkatiissatti jiran. 
Ee Mootii Waan Maraa! Marra diidaa ibiddi waan fixeef, muka badda'aalle ibiddi waan gubeef, ani gara keeti iyya. 
Maddi bisaanii isaan irraa waan gogeef, marri diidaa isaan irraa waan gubateef, bineensinuu gara keeti iyya. 
