﻿Kitaaba Hose'aa Raagichaa.
1.
Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara moototi Yihuda'aa: Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti biyya Yihuda'aa bulchanu, bara Yerobi'aamiin mootichi ilmi Yeho'aashiille biyya Israa'elii bulchu gara Hose'aa ilma Beerii dhufe. 
Mootiin Waan Maraa yennaa karaa Hose'a'aatiin dubbatiisa jalqabe, Hose'aan, «Biyyi Mootii Waan Maraa lakkisiisaan waan sagaagalteef, dhaqii, niitii gaarayyeeffattuu fuudhiitii, ijoollee gaarayyeeffattuu akka isi'ii uumadhu» jedhe. 
Maarre Hose'aan intala Diiblaayimii Gomer fuudhe; isiille ulfoottee ilma isaaf deette. 
Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Sababa isaan Yizre'elitti dhiiga dhangalaasaneef, ani maatii Yehu'uu yennaa gabaadduu keessatti waan adabuuf, mootummaan Israa'eliille akka baddu waan godhuuf, maqaa isaa ‹Yizre'el› jedhii baasi. 
Guyyaa san ani dhooqa Yizre'elii keessatti guubee Israa'elii hin cassa» jedhe. 
Gomer ammalle ulfoottee, intala deette; Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Ani haganaa achi kolbaa Israa'eliitiif waan hin mararreef yookiin hin araaranneef, ‹Lo-Ruhaamaa› jedhii maqaa baasi. 
Kolbaa Yihuda'aatiif ammoo ani hin marara; guube'een, shallaaga'aan yookiin lolaan yookiin fardo'oo fi abbootii fardo'ootiin adoo hin te'in, ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaanii isaan hin baasa» jedhe. 
Gomer eega Lo-ruhaamaa harma irraa guuche, ulfoottee ammalle ilma dhibii deette. 
Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya waan hin te'iniif, anille Waaqa isaanii waan hin te'iniif, ‹Lo-Amii› jedhii maqaa baasi. 
«Kolbaan Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaranee yookiin laakkowanee hin dandeennee hin teeti. Adduma, ‹Isaan kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, isaan, ‹Ilmaan Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman. 
Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Israa'elii deebitee tokko hin teeti; sooressa tokko hin filatti; guyyaan Yizre'elii guddaa waan te'eef, lafa ifiititti deebi'anee qananumma'aan hin le'an. 
