﻿Kitaaba Daani'elii Raagichaa.
1.
Yehoyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar dhufee qachaa Yerusaalemii marse. 
Goottaan biyya Yihuda'aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji'e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji'elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye. 
Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar worra Israa'elootaa ka booji'ame keessaa maatii moototaatii fi qondaaltotaa keessaa dargaggoota dhiiraa garii filee akka fiduuf bulchaa guneessota ifii Ashfenaaz ajaje; 
dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma'aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te'uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje. 
Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya'aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni'ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan. 
Worra gosa Yihuda'aa keessaa worri filatame Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'a. 
Bulchaan qondaaltota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree, Daani'eliin «Belxishaazaar», Hanaaniya'aan «Shaadraak», Mishaa'eliin «Meshaak», Azaariya'aan «Abedneegoo» jedhee moggaase. 
Daani'el sagalee mootichaa nyaatiisaan, daadhii woyni'ii isaalle uniisaan akka ifi hin batteessine murteeffate; maarre akka ifi hin batteessineef, yaada kana akka isaaf eeyyamuuf Ashefenaaz gaafate. 
Waaqi akka Daani'el qondaalticha duratti fudhatama dhaggatuu fi akka inni gadhaa isaaf laafu godhe. 
Te'uu male bulchaan qondaaltotaa mooticha waan sodaateef, Daani'eliin, «Ani mooticha goottaa kiyya ka sagale'ee fi daadhii woyni'ii isiniif ajaje hin sodaadha; isin dargaggoota dhibi'iin caalaa yoo huqqatanee daalachootane mootichi na hin ijjeesa» jedhe. 
Achiin duuba Daani'el gara namicha Ashefenaaz eedduu Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa godhe sanii dhaqee, 
«Maganne'ee, akka nyaannuuf waan ficha'atti dhaabamuu fi bisaan unnu callaa guyyaa kudhaniif nuu kenniitii, nu tajaajiltoota teeti waan teenu ilaal. 
Achiin duuba bifa keennaa fi bifa dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanuu wol bira qabiitii ilaal; waan dhaggiteen nu tajaajiltoota teeti waan feete godhi» jedhe. 
Maarre innille yaada kana isaaniin wolii galee guyyaa kudhaniif waan isaan te'anu ilaale. 
Guyyaa kudhaniin duuba bifi isaaniitiif gabbinni nafa isaanii, dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanu caalee dhaggame. 
Maarre namichi isaan eegu sun, guyyaa saniin jalqabee, sagalee dansa'aa fi daadhii woyni'ii akka unanuuf ta mana mootumma'aa irraa isaaniif kennantu dhooggee, waan ficha'atti dhaabamu callaa isaaniif kenne. 
Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani'el ammoo mudhi'ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu. 
Barri akka isaan dhikaatanuuf mootichi murteesse geennaan, bulchaan qondaaltotaa Nebukadnezaar dura isaan dhikeesse. 
Mootichille yennaa isaan mara dubbise, isaan mara keessaa ka akka Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa hin dhagganne; tanaaf isaan akka mooticha tajaajilanuuf filamane. 
Marroo qarumma'aatii fi hubanti'ii mara waan ilaalu, mootichi yennaa isaan gaafate, worra xanu fi worra moru ka mootummaa isaa keessatti dhaggamanu mara keessaa dachaa kudhan caalanee dhagge. 
Qiiros mootii te'ee haga woggaa tokkeesso'ootitti Daani'el achuma mana mootumma'aa keessa tajaajilaa ture. 
