﻿Gadda Ermiyaasii.
5.
Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu; kunoo, salphinna keennalle dhaggi. 
Qabeenna keenna ormi, mana keenna alagaan fudhate. 
Nuuti ijoollee worri irraa du'e, ta abbaa hin qannee teeneerra; haadhotiin teennalle haadha hiyyeessaa te'aneeran. 
Bisaan unnuuf hin kaffalla; qoraanille hin bitanna. 
Akka horii waanjoo itti hidhanee oofamiisaan guddoo dadhanneerra; fooralle nu dhoogganeeran. 
Sagalee quufiisaaf, worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne. 
Abbootiin teenna ta durii cubbuu hujjee dabarte; nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiif rakkatiisatti jirra. 
Garbooleen nu bulchan; nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru. 
Goomolee keessa ijjeechaan waan jirtuuf, lubbuu teenna gurgurannee, sagalee dhagganna. 
Beela irraa ka ka'e gogaan keenna akka suunsumaa gurraachoweera. 
Dubartoota Xiyoon keessatti, durralle qachoota Yihuda'aa keessatti hunnaan woliin rafane. 
Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante; jaarsoleen ulfinna dhadde. 
Dargaggoota dhiiraa hunnaan daakuu daassifatane; ijoolleen dhiiraa qoraan guddaa ba'atanee tintimane. 
Jaarsoleen yaa'ii karra qacha'aa, dargaggootille sirba lakkitteerti. 
Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera, sirbi keenna gara bowaa deebi'eera. 
Nuuti cubbuu waan hunyeef, ulfinni nu irraa ka'eera; nu'uuf aanne'e! 
Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera; iltille nu cuurrotteerti. 
Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee, jeedalti irra burraaxxi. 
Ee Waaqa, ati ammoo, haga bara baraa mooti'i; barcumaan mootummaa teetiille dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata. 
Ati maaf ijjumaa nu deete? Maaf haga kana mara nu lakkitte? 
Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu, nuutille hin deebina; bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi. 
Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta; akka maleelle nutti aarteerta.
