﻿Gadda Ermiyaasii.
4.
Worqiin attam calalaqa ifii dhaddee, worqiin qulqulluun attam jijjiirante! Dhakaan Galmi Waaqaa ittiin ijaarame attam karaa irratti bittinnowe! 
Ilmaan Xiyoonii worri dur akka worqii gatii guddo'ootitti ilaallamanu amma attam akka faara harka namaatiin hujamee te'ane! 
Jeedaltinuu ilmee ifii harma hoosifatti, kolbaa tiyya ammoo akka guchiin gammoojji'ii ilme'etti gadhaa jabaatu teeteerti. 
Dheebuu bisaaniitiin arrabi ijoolle'ee laagada'atti goge. Jjoolleen sagalee kadhatti; ammoo ka itti kennu hin jiru. 
Kolbaan dur waan dansaa nyaataa turte karaa irratti beelaan dhumatte; worri dur woyaa dhiillee uffatee guddate amma tuulaa daadha'aa irra irkate. 
Adabamiis kolbaa tiyyaa adabamiisa Sodoom, harki nama tokkoolle adoo hin tuqin dedhuma badde san caala. 
Sooreyyiin isaanii cabbii caalaa calalaqanee, aanan caalaa addaatan; nafi isaaniille dooqa caalaa dhiille'e; akki dansummaa isaaniille akka dhakaa Safiirosii tola. 
Amma fuulli isaanii cilee caalaa gurraachoweera; nami karaa irratti isaan beekuuyyuu hin jiru. Gogaan isaanii shuntuuratee lafe'etti maxxanee, akka muka gogee te'eera. 
Worra midhaan ficha'aa dhabee suutuma suutaan beelaan du'ee mannaa, worra shallaaga'aan du'e woyya. 
Badiin kolbaa tiyyatti yennaa dhutte dubartooti gadhi-laafeyyiin ijoollee ifii harka ifiitiin nyaatiisaaf iffeelane. 
Waaqi aarii hantuu ifii buusee hundee isi'ii balleessiisaaf, Xiyoonitti ibidda gabbise. 
Moototi lafaalle te'ee kolbaan biyya lafaa, diinoti yookiin nyaaphi karra dalleya Yerusaalemii seenuu akka dande'anu hin dhugeeffanne. 
Te'uu malee, sababa cubbuu raagota isi'iitii fi yakkaa hayyoota isi'ii dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasaneef tun teete. 
Isaan dhiigaan waan battowaneef nami woyaa isaaniituu tuqu hin jiru. Isaan akka balla'aa karaa irra titimisane. 
Namooti «Isin worri battoottane, achi deema'a! Nu hin tuqina'a» jedhanee isaanitti iyyane. Yennaa isaan baqatanee joonjane, kolbaan gosa biyya adda addaa, «Haganaa achi isaan as turuu hin dande'anu!» jedhane. 
Waaqi ifumaafuu isaan bittinneesse; inni deebi'ee isaan hin ilaalu. Hayyooti hin kabajantu, jaarsoleelle fudhatama hin qabaattu. 
Akkasuma qarqaarsa adoo eegannuu ilti nu dadhadde; gosa biyya nu qarqaaruu hin dandeenne irraa qarqaarsa eegane. 
Diinoti keenna waan nu gaadanuuf kara'aayyuu deemiisa hin dandeenne. Muummeen teenna dhikaattee, barri keenna waan hobba'eef, guyyooti keenna laakkossatti galeera. 
Diinoti keenna risaa caalaa ariifatan; gaara irra nu ari'anee, goomolee keessalle'etti nu gaadane. 
Ka Waaqi nu'uuf muude, ka nuuti, «Hafuura jiruu teennaa ti; gaaddisa isaa jalatti gosa biyya adda addaa odduu hin leena» jenne, boolla isaan nu'uuf qotane keessatti qabame. 
Isin kolbaa qachaa Edoomii, worra biyya Uzii keessa leetanu, gammada'aa ilillisa'a; ammoo muduunuun mufii Waaqaa isinitti dhufaarti; isin machoottanee qullaa deentan. 
Kolbaa Xiyoonii! Adabbiin teessan hobbaateerti; Waaqi haganaa achi boojuu keessa akka leetanu isin hin godhu. Ee kolbaa Edoomii, inni yakkaa teessan hin adaba cubbuu teessanille qaaleyatti baasa. 
