﻿Gadda Ermiyaasii.
2.
Attam attam Waaqi mufii ifiitiin Xiyoonitti duumensa uffise! Guddinna isi'iille ol-gubbaa irraa gad lafatti darbe. Xiyoon ijjata miila isaa akka teete, guyyaa mufii ifii isii hin qaabanne. 
Waaqi bultoo Israa'elii mara marartii malee balleesse. Kushee Yihuda'aa mufii ifiitiin diigee balleessee, Mootumma'aa fi bulchitoota isi'ii gad lafatti gatee salphise. 
Mufii ifii jaddu'uun, hunna Israa'elii mara dhoogge. Diinni yennaa isaanitti dhufelle, gargaaruu didate. Akkuma bobeenni ibiddaa, waan adaala isaa jiru mara gubu, Waaqi Israa'el gube. 
Inni akka diinaa daaya ifii itti qajeelfate; harka middicha ifiille qopheeffate. Worra ila namaatitti tolu duudii, akka diinaa ijjeese. Dunkaanii kolbaa Xiyoonii irratti mufii ifii, akka ibiddaa isaan irratti gabbise. 
Waaqi akka diinaatitti, Israa'el balleesse; inni kushee isi'ii maraa fi mana mootummaa isi'ii mara balleesse. Kolbaa Yihuda'aa irratti bowichaa fi gadda bira dabarse. 
Galma ifii akka gosee fichaa keessaa diigee balleesse; Waaqi jilaa fi Sanbati Xiyoon keessatti akka dedhamanu godhe. Inni mufii ifii jaddu'uun mootichaa fi hayyicha salphise. 
Waaqi addee ciincaa ifii didee, Galma ifiille lakkise. Dalleya mana mootummaa isi'ii harka diinaatitti dabarsee kenne; akkuma guyyaa jilaatitti godhamu, Galma Waaqa keessatti diinni qeexale. 
Waaqi dalleya qachaa Xiyoonii diigiisaaf murteessee wodaroo miki'ii buuseera. Inni balleessiisaaf harka ifii irraa hin deebifanne. Xelleepho'oo fi dalleya isi'ii wolumatti diigeera. 
Balbalti karra isi'ii marti awwaalante, danqaraan isi'iille caccabee bade. Mootichii fi qondaaltoti isi'ii ari'amanee gosa biyya dhibi'ii odduu jiran; Haganaa achi seerri hin jiraatu; raagoti isi'iille Waaqa irraa mudhii hin dhagganu. 
Jaarsoleen qachaa Xiyoonii mataa ifiititti bukuu firfirfatanee, woyaa gaddaa uffatanee, cadhi jedhanee lafa tee'ane. Durri qachaa Xiyoonii gaddaan lafa ilaalti. 
Kolbaan tiyya waan fixanteef, ijoolle'ee fi annoolleen karaa qacha'aa irratti waan gaggabaneef bowiisaan ilti na jaamaarti. Keessi kiyya na laalatee, addii kutadhe. 
Ijoolleen akka loltoota madoottee, karaa qacha'aa irratti gaggabanee, «Sagale'ee fi bisaan» meet jedhaa, harka haadha isaanii irratti du'an. 
Ee Yerusaalem, maan siin jedha? Maani'iin wol si qixxeessa? Xiyoonii tiyya, akka si jajjabeessuuf, maaniin wol si fakkeessa? Badiin si irra dhaqqadde akka abbaaya'aa badho'o; eentu si fayyisuu dande'a? 
Raagoleen teeti mudhii dharaa ta bu'aa hin qanne si'iif dhaggite. Mudhii dharaatii fi dokonkora si'iif dhaggite malee, yakkaa teeti si'itti ifa baasanee badii si'itti dhufaartu si'i irraa hin oolchine. 
Worri karaa dabaru marti cooraa harka sitti dhowaa, mataa ifii raasaa, «Yerusaalemiin tun ta shaggummaa guutuu qadduu fi qachaa biyyi lafaa duudiin itti gammaddee motii?» jedhan. 
Diinoti keeti marti afaan bananee si'itti cooran. Ilkaan ciniinnatanee, «Yerusaalem balleessine. Guyyaan nuuti eeggataa turre kana; amma bira geennee dhaggine» jedhan. 
Waaqi waan yaade muummesse; jecha ifiille guute. Akkuma dur murteesse marartii malee si balleessee, hunna diinota keetii jabeessee, jinnana keetitti akka gammadanu godhe. 
Kolbaa qachaa Xiyoonii, gara Waaqaa iyya'a! Dalleya qachaa Xiyoonii, imimmaan teeti halkanii fi guyyaa akka lagaa yaatuu ti; hin cadhisin; boyiisalle hin lakkisin. 
Halkan guutuu yennaa yenna'atti ka'ii iyyi! Waan gadhaa keeti keessa jiru, Waaqa duratti dhikeessi. Lubbuu ijoollee teetii, ta qaxxaamura karaa irratti beelaan gaggabaneef, daadimanna'aan harka keeti gara Waaqaa ol kaasi. 
Yerusaalem, «Ee, Waaqa, kunoo ilaali! Kolbaan ati akkana gooteertu jirtii? Dubartooti annoolee ifii deyane nyaatanuu tii? Hayyootii fi raagoti Galma Waaqaa keessatti ijjeefamanuu tii? 
«Dargaggootii fi maanguddooti, karaa irratti jiganee du'aneeran. Dargaggooti dhiiraatii fi dubarti'ii shallaaga'aan ijjeefamaneeran. Guyyaa mufii teetii marartii malee isaan qalte. 
«Akka guyyaa jilaa, diinota kiyya adaala mara irraa waanteerta. Guyyaa mufii Waaqaa, ka miliqe yookiin jiru'uun ka hafe hin jiru. Ijoollee ani uumadhee guddifadhe diinni kiyya na jalaa fixe» jedhi. 
