﻿Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa.
47.
Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: 
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira: «Lolaa jabaa hin te'a; lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla. Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti; namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan. 
Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii fi garreettaa diinaa, sababa kokokkeessa korbo'ootiif, abbootiin hunna waan dadhadduuf, ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu. 
Filisxeemota mara balleessiisaaf, worra hafee isaan qarqaaru mara, Xiiroosii fi Sidoon keessaa guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera; worra Filisxeemotaa ka hafane, ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane, ani balleessiisaaf ka'eera. 
Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan; kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti. Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan? 
«Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa! Ati yoom foorfatta? Gonofaa keetitti deebi'iitii cadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan. 
Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya qachaa Ashiqaloniitii fi worra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje, attam foorfata ree?» jedhe. 
