﻿Isaayaasii Raagichaa.
54.
Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, ati maseentittiin ijjumaa deettee hin beenne, ta ijjumaa ciniinsifattee hin beenne gammadaan faarfadhuu, ilillisi! 
Addee dunkaanii teetii badhisi; gollaa dunkaanii teetii badhiisii diriirsi; hin dhiphisin. Wodaroo teeti dheeressi; togaa keeti jabeessi. 
Ati gara middaa fi bita'aa waan badhattuuf, sanyiin teeti gosa biyya adda addaa hin qabatti; qachoota isaanii ka one keessalle hin qubatti. 
«Ati waan hin qaanonneef, hin sodaatin; waan hin salphanneef, hin rifatin. Fokkoo yennaa dargaggummaa teetii hin deeta; qaanii yennaa haadha hiyyeessummaa teetiille haganaa achi hin qaabattu. 
Ani ka si dade akka dhirsaa si'iif hin te'a; maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waaqa Waan Mara Dade; ka si wode ana Woyyicha Israa'elii ti; ani Waaqa lafa duudi'ii ti. 
«Ati akka dubartii dargaggumma'aan heerumtee, abbaan manaa isii lakkisee, gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha. Mootiin Waan Maraa keeti ammoo, gara ifii si waamee, 
«Ani yennaa diqqo'oof si lakkiseeraayyu; amma ammoo, marartii guddo'oon si deebisa. 
Ani guddoo waan sitti aareef, yennaa diqqo'oof fuula kiyya si duraa dhoffadheeraayyu; ammoo, jaalala kiyya ka bara baraatiin si hin marara» jedha ka si wodu. 
Ammalle Mootiin Waan Maraa ka si mararu si'iin, «Tun naaf akka bara Nohii deebi'ee bisaaniin lafa akka hin balleessine kakadhee ti; maarre ani amma deebi'ee akka sitti hin aarre, deebi'eelle ijjumaa akka si hin xindheef kakadheera. 
Gaaroti raafamanulle, kooboti addee ifii irraa ka'anulle jaalalli bara baraa ka ani si'iif qabu, ijjumaa hin raafantu; gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu. 
«Ee, ati qachaa Yerusaalemii, ka rakkatte, ka bubbee bokkeyaatiin raafante; ka hin jajjabaatin. Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiin si hin ijaara; dhakaa ‹Safiiros› jedhamuun hundee teetille hin keya. 
Ani qaccee xelleephoo teetii dooqa diima'aan, karra teetiille dooqa cululuquun, dalleya dhaka'aa keetille dhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara. 
Ilmaan teeti marti ana Mootii Waan Maraa irraa ka baratte hin teeti; ijoolleen teetille nageya guddaa hin dhaggatti. 
Ati balchumma'aan hin ijaaranta; cunqurfamiisi si irraa hin fagaata; wonni si sodaachisu hin jiraatu; bararaqi si irraa hin fagaata; si'ille'etti hin dhikaatu. 
Eennulle yoo si miidhe, inni ka ani ergee moti; nami si miidhu marti harka sitti hin kennata. 
«Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu, sibiila tumee, meya woraanaa ka qopheessu, ka dade ana. Ka woy balleessu, akka inni woy balleessuuf, ka dade ana. 
Mey woraanaa ka si balleessiisaaf qophowe, si miidhuu hin dande'u; worra si himatu mara hin injifatta. Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti; injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha. 
