﻿Isaayaasii Raagichaa.
42.
Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya ka ani ol qabee fi ka ani filadhe, ka ani itti gammadu kana. Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta; inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida. 
Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu; qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu. 
Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu; ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu; inni addatamumma'aan haqa hin fida. 
Inni haqa biyya lafaa irratti haga fidutti, hin dadhabu, addiille hin kutatu. Worri oddoola keessa le'u seera isaa addii godhatan» jedhe. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubbaa dadee diriirse, biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara ka dade, lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne, worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne, 
«Ani Mootiin Waan Maraa balchumma'aan si waameera; ani harka si qabee, si eega; kolba'aaf gondooroo, gosa biyya adda addaatiif ifa akka teetu si godheera. 
Ila worra balla'aa akka bantu, worra hidhame akka hiittu, worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulle akka baattu si godha. 
«Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaan kiyya isuma kana; ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif, leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu. 
Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti; ani waan haareya isinitti dubbadha; adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe. 
Isin worri abbaayaa irra ideentanu, isin dadi achi keessa leetanu marti, isin worri oddoola keessaa ka achi leetanu marti, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a. 
Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu, qoonqoo ifii ol qabatanuu ti; worri Qedaar keessa le'u, isa leellisanuu ti; Worri qachaa Selaa keessa le'u gammadaan faarsuu ti; worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti. 
Isaan Mootii Waan Maraatiif ulfinna kennanuu ti; leellisa isaalle worra oddoola keessaatitti lallabanuu ti. 
Mootiin Waan Maraa akka nama hunnaamessaa hin duula; akka nama gootaa hinaaffaan isaa isa keessaa hin kakkaati; inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara; diinota ifiille hin injifata. 
Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa hedduu cadhisee, sarmee, ifi qabadhe; amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuu hin iyya, ittanaa, hin hargana. 
Ani koobotaa fi gaarota hin onsa; waan isaan irratti late mara hin gossa. Laga oddoola hin godha; baleessalle hin gossa. 
«Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra, daandii dur isaan deemanee hin beenne irra, ani isaan hin sooressa; ani isaan duratti dukkana ifa hin godha; daandii kattattaalle wol hin qixxeessa. Ani tana isaaniif hin godha; isaan hin lakkisu. 
Worri waaqota dharaatitti addattu, ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu, deebi'anee hin qaanowan. 
«Isin worri duudaan dhage'a'a! Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a! 
Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu? Ergamaa ani erge malee, duudaan eennu? Ka akka nama ifi naaf kennee, yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu? 
Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan; ammoo hin qalbeeffanne; gurri keessan bana'a; ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe. 
Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee, seera ifii gudda'aa fi ka ulfinna qabu godhiisa jaalate. 
Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti; isaan marti boolla keessatti qabamanee, manni hidha'aa isaanitti cufameera; isaan saamamaneeran; nami isaan baasu hin jiru; isaan booji'amaneeran; ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru. 
Isin keessaa tana ka caqasu eennu? Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata? 
Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu? Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu? Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratti cubbuu hunye sanii motii ree? Nuuti karaa isaa hin hordonne; seera isaatiifille hin ajajanne. 
Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fi woraana hamaa nutti fide. Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse; nuuti ammoo hin hubanne; bobe'i ibiddaa nu gube; nuuti ammoo hin qalbeeffanne. 
