﻿Isaayaasii Raagichaa.
35.
Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi; gammoojjiin firinxiixxee, akka daraara'aa hin daraarti. 
Goomoleen daraaraa hedduu daraartee, guddoo firinxiixxee, hin ilillitti; ulfinni gaara Libaanonii, arnyi gaara Qarmelosiitii fi dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama. Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi arnya Waaqa keennaa hin dhagga. 
Harka dadhabe jabeessa'a; jilba lelleqelle jabeessa'a. 
Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen, «Jabaadha'a; hin sodaatina'a! Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf, yakkaa isaan isin irratti hujaneef gatii isaan kaffalchiisiisaaf, isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a. 
Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti; gurri worra duuda'aalle hin dhage'a. 
Naafi akka gadansaa hin utaala; worri afaan duuda'aa, hin ilillisa. Gammoojjii keessaa bisaan, goomolee keessaa maddi hin burqa; 
maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a; lafa godduu keessaa bisaan hin burqa. Addeen jeedalti keessa leetu marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti. 
Achi keessa karaan guddaan hin baya; maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama. Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee, worri battiin irra hin deemu; worri gowwooleelle irra hin deemu. 
Neenqi achi hin jiraatu; bineensi hamaan achi irra hin ideemu. Worra wodame qofattuu achi irra ideema. 
Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; faarfataa gara Xiyoonii hin galan. Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan; isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan; gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata. 
