﻿Isaayaasii Raagichaa.
25.
Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya; ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha; waan maade'ee ka dur yaadde addatamumma'aan muummessiteerta. 
Ati qachaa san tuulaa rassa'aa gooteerta; dalleya dhaka'aa ka qachaa saniille diiddeerta. Manni mootumma'aa ka alagaan ijaare haganaa achi hin jiraatu; ijjumaa deebi'eelle hin ijaaramu. 
Tanaaf gosi biyya adda addaa jajjaboon ulfinna si'iif hin kenniti; qachooti gosa biyya adda addaa ta gadhaa jabaattuu si hin sodaatan. 
Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu, rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu, yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu, yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf. Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu, akka bokkeya bubbe'ee ka dhaaba manaa dhowuutii fi 
akka o'a goomole'ee ti. Akkuma duumensi o'a qabbaneessu, ati hogaa alaga'aa cadhi hin goota; faaruun isaaniille hin hatti. 
Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, gaara Xiyoonii irratti gosa biyya adda addaa maraaf, daadhii woyni'ii ta baate, foon coomaa fi daadhii woyni'ii dansaa areertii hin qoheessa. 
Inni gaara kana irratti gollaa gaddaa ka gosa biyya adda addaa mara golle hin balleessa. 
Goottaan, Mootiin Waan Maraa haga bara baraa du'a hin balleessa; inni ila nama duudi'ii irraa imimmaan hin haqa; salphinna kolbaa ifii biyya lafaa duudii irraa hin fageessa. Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. 
Yennaa san kolbaan, «Dhuguma inni Waaqa keenna; nuuti isatti addannee, innille nu fayyise; Mootiin Waan Maraa ka nuuti itti addanne, isa kana; kowa'a fayyisiisa isaatitti gammannee ilillinna» hin jetti. 
Harki Mootii Waan Maraa gaara Xiyoonii hin eega; kolbaan Mo'aabii ammoo, akkuma hicaaceen dhoqqe'een dhiitantu, miila isaa jalatti hin dhiitaman. 
Isaan akka nami bisaan daaku harka ifii badhifatu, dhoqqee san keessatti harka ifii hin badhifatan; Mootiin Waan Maraa ammoo maltummaa isaaniitiin adoo hin sobamin, koora isaanii gad hin qaba. 
Inni dalleya dhaka'aa dheeraa ka qachaa Mo'aabii gad qabee, lafatti buusee, bukuu irratti hin jissa. 
