﻿Kitaaba Faaruu Solomoonii.
8.
Ati adoo obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee, ani karaa irratti si dhaggee, adoo si sunqadhee jiraadhe, silaa eennulle na hin tuffatuuyyu. 
Ani silaa gara mana haadha tiyyaa, ta na barsiittee si geessee, daadhii woyni'ii dansaa sii kennee, cunfaa midhaan muka rumaaniille si obaasaayyu. 
Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa; harki isaa middichi adoo na hanqafata. 
Ee, dubartoota Yerusaalemii, jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, akka isa hin dammassine, ani isin kadhadha. 
Ta jaalallee ifii qabattee, goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu? Waajibittii Ani muka appili'ii jalaa si kaase; haati teeti achitti ulfoottee, isiin achitti ciniinsifattee si deette. 
Akka chaappa'aatitti gadhaa keeti keessatti, irree teeti irralle'etti na mallatteeffadhu. Jaalalli akka du'aa jabaata; hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti. Bobeenni isi'ii akka bobe'a ibiddaa, ka tallisuu ti. 
Bisaan guddaan ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande'u; lolaan haree hin dande'u. Nami tokko qabeenna mana ifii mara jaalalaaf yoo kenne, ijjumaa hin tuffatama. 
Nuuti obboleettii diqqittii, guntuta hin baasin takka qanna. Guyyaa isii kadhatane, nuuti maan goona laati? 
Adoo isiin dalleyaa dhaka'aa teetee, xelleephoo meeti'ii isii irratti hin ijaarra; adoo isiin balbala teetee, saanqaa hindheensaatiin hin cunna. 
Ani dalleya dhaka'aa ti; harmi kiyya xelleephoo fakkaata; ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te'e. 
Solomoon Ba'aal-Hamoon keessaa oorruu muka woyni'ii qabaayyu. Oorruu muka woyni'ii san worra eegutti kireesse; tokko tokkoon isaanii gatii midhaan woyni'iitiif, meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu. 
Oorruun muka woyni'ii tiyya, tiyyuma; ee Solomoon, ati kuma fudhadhu; worri oorruu muka woyni'ii eegulle dhibba lama fudhatuu ti. 
Ee, ati ta oorruu keessa leetu, jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran; anille qoonqoo teeti dhage'uu ti. 
Jaalallee kiyya, dafii koy! Akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!
