﻿Kitaaba Faaruu Solomoonii.
6.
Ati ta dubartoota caalaa dansittii teete! Jaalalleen keeti eessa dhaqe? Akka si woliin barbaannu, karaa kam gore? 
Jaalalleen kiyya horii tiffatiisaaf, daraaraalle guuratiisaaf, gara oorruu uddowaa ifii gad dhaqeera. 
Ani ta jaalallee kiyyaa ti; innille kiyya; inni odduu daraara'aa horii tissa. 
Ee, jaalallee tiyya, ati akka qachaa Tiiza'aa miidhadda; akka qachaa Yerusaalemii tolta; akka loltoota baandiraa qabatanee deemanuu arnya qadda. 
Ilti teeti waan na boojiteef, na irraa deebifadhu! Rifeensi mataa keetii re'oota gaara Giil'aadii irraa gad yaatu fakkaata. 
Ilkaan keeti akka hoolota adii dhiqamanee bisaan keessaa bayanuu addaata; hooloti tun martinuu lakkuu dhalti malee isaan keessa maseenti hin jirtu. 
Mallaan teeti lamaan shaashii ati hagooggattu keessaa, midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaatti. 
Giittoti jaatamaa fi gursumeeyyiin saddeettami, durri laakkossi isaanii haga hin qanne, jiraachuu dande'an. 
Saphaliisi tiyya ta anaaf dhidhinna hin qanne isii qofa; isiin haadha ifiitiif takkatti'i; ta isii deette isii jaalatti. Ijoolleen durraa isii dhagganee «Ati ta leellifante» jedhaneen; giittotii fi gursumeeyyiille isii leellisane. 
Ta akka boruu dayya'uu mudhattu, ta akka ji'aa miidhaddu, ta akka adu'uu issitu, ta akka loltoota baandiraa qabatanuu arnya qaddu tun eennu? 
Ani muki woyni'ii akka quunxe, muki rumaaniille akka guntute ilaaliisaaf, gara dhooqa oorruu muka, «Almond» jedhamuu gad dhaqe. 
Adoo ani hin beekin halchaan tiyya na buttee, garreettaa fardaan harkifamu ka qondaaltota kolbaa tiyyaa keessa na keette. 
Ee, Shulaamitti'i! Deebi'i, deebi'i! Akka nuuti si ilaalluuf, deebi'i, deebi'i! Waajibichi Akka nama sirba darabaa lamaa ilaaluu, Shulaamittii tana isin maaf ilaaltan? 
