﻿Kitaaba Faaruu Solomoonii.
1.
Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu. 
«Jaalalli keeti daadhii woyni'ii waan caaluuf, afaan kiyya keessa na sunqadhu. 
Fooleen fiqiree teetii hin uddootti; maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti; tanaaf durri marti si jaalatti. 
Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti; ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi. Jaaloti Nuuti si'iin firinxiindhee hin gammanna; daadhii woyni'ii caalaa jaalala keeti leellinna; dubartooti marti dhuguma si jaalatan. 
Ee, durra Yerusaalemii! Ani gurraattii te'ulle, akka dunkaanii Qedaarii, akka gollaa mana mootummaa Solomoonii miidhaga. 
Ani gurraattii waan te'eef, aduun waan na gurraachessiteef, na hin daaw'atina'a! Obboleeyyan tiyya natti aaranee, oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane; muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne. 
Jaala kiyya ka lubbu'uu! Hoolee teeti eessa akka tiffattu, Waareelle eessatti akka boqachiifattu natti himi. Ani maaniif hoolee jaalota teetii bira akka dubartii fuula hagooggattee joonja?» jette. 
Ati ta dubartii mara caalaa miidhaddu! Yoo hin beenne teete, hoolee gula ideemi! Ilmoolee re'e'ee teeti dunkaanii tissitootaa bira dheechifadhu. 
Obboleettii tiyya! Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanu ka Fara'oonii keessaa akka farda tokkoo ti. 
Mallaan teeti seesaan, mormi keetille dooqaan miidhageera. 
Ani worqii gurraa, ta meeti'iin seefante hujisiisa. 
Mootiin areerratiisatti jiruun, fiqireen tiyya uddaa ifii fiqqitte. 
Jaalalleen kiyya akka subba qumbi'ii ti; inni odduu harma kiyyaa boqata. 
Jaalalleen kiyya naaf akka daraaraa uddowu, ka addee muka woyni'ii ka madda En-Gedii keessaa ti. 
Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda! Ee, attam attam miidhadda! Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti. 
Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda! Ati attam attam nama gammachiitta! Taqeen teenna akka marra bisile'ee ti. 
Utubaan mana keennaa muka hindheensaa ti; dagaleen isaalle muka birbirsaa ti. 
