﻿Kitaaba Fakkeennaa.
27.
Waan Guyyaan fidu waan hin beenneef, waan boru te'uun ifi hin jajin. 
Nami si jajuu ti malee, ati ifi hin jajin; nami dhibiin si jajuu ti malee, afaan keetiin ifi hin jajin. 
Dhakaan hin ulfaata; maansille ba'a'a. Nunnussaan gowwaan tuttuqee nama aarsu ammoo, isaan lachuu caalaa hin ulfaatti. 
Mufiin gadhi-jabeenna; aariin lola'a; hinaaffaa dura ammoo eentu dhaabbatuu dande'a? 
Jaalala dhokate caalaa, xixicha mudhatu woyya. 
Sunqaa diinaatii mannaa, jaalli si madeessu woyya. 
Nama quufe, dammi itti bushowa; nama beelote ammoo wonni hadhowuuyyuu itti mi'owa. 
Nami qe'ee ifii keessaa baye, akka sinbirree mana ifii keessaa baatee ti. 
Fiqire'ee fi qayyi nama gammachiisan; gammachiisiis jaalaalle gorsa dansaa isaa irraa madda. 
Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin; yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiruu mannaa, ollaa dhikoo jiru woyya. 
Ilma kiyya, nama na arrassuuf deebii kennuu akka ani dande'u, ati qaroo te'i; gadhaa kiyyalle gammachiisi. 
Nami qalbeeffataan waan hantuu dhaggee duraa baqata; nami hubantii hin qanne ammoo ittuma ideemee, rakkoo keessa seena. 
Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; haga inni waan alagaan fudhate san deebisutti woyaa san qabadhu. 
Nami barii ganamaan ka'ee, qoonqoo ol qabatee nama yoo eebbise, eebbi sun abaarsa nama sanitti fakkaata. 
Niitiin dubbattittiin akka mana guyyaa roobaa dhim'isaa ooluu ti. 
Isii ittisiis qilleensa ittisiisa, yookiin zayitii harkaan qabiisa. 
Akkuma sibiilli sibiila cabbu, namille nama cabba. 
Nami muka harru'uu kunuunsu midhaan isi'ii hin nyaata; nami goottaa ifii eegulle ulfinna hin dhaggata. 
Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu, yaadi namaalle eennummaa namaa mudhisa. 
Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii ijjumaa hin quuttu; ilti namaalle ijjumaa hin quuttu. 
Meeti'ii fi worqiin addee itti baqisiisanu keessatti akkuma haga ilaallatamanu, namille leellifamiisaan haga ilaalama. 
Gowwaa akka midhaanii mooyye'etti tuma'aan yoo tuntelle, gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu. 
Hoolee teeti haala attamii keessaa akka jirtu midhassii beeki; loon keetille midhassii tiffadhu. 
Sababille durummaan haga bara baraa hin jiraatu; kallachille dhalootaa dhalootatti hin dabaru. 
Marri gogaan haamamee, marri haarenni yennaa latu, marri koobota irraa yennaa wolitti qabamu, 
buruusoo hoolota teetiitiin daara hin baata; re'oota teetille'een fichaa hin bitatta. 
Soorata keetiif, soorata maatii teetiitiif, soorata tajaajiltoota teetiifille ka gewu, aanan re'e'ee hin qabaatta. 
