﻿Kitaaba Fakkeennaa.
24.
Namoota hamoolee hin hinaafin; jaalummaa isaanii hin halchin. 
Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada; afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata. 
Manni qarumma'aan ijaarama; hubantiille'een jabeeffama. 
Beekkumsaan kollooti mana sanii meya gatii guddo'ootii fi meya dadansa'aan guutaman. 
Nami qaroon hunna jadduu qaba; nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata. 
Lolaaf bayiisaaf qajeelcha, injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa. 
Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti; inni addee mari'ii keessatti afaan ifii hin saaqatu. 
Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu, inni, «Malticha» jedhamee beekkama. 
Malli gowwa'aa cubbu'u; namooti nama murgu hin jibban. 
Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante, jabeenni keeti attam attam diqqa'a! 
Worra gara du'aa geeffamanu baasi; worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi. 
Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette, ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree? Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree? Inni nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree? 
Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef, damma nyaadhu; nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti. 
Qarummaalle lubbuu teetiif akkuma san akka mi'oottu beeki; ati yoo isii dhaggatte, gara fuula duraa addii qadda; addiin teetille hin baddu. 
Akka nama hama'aa mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin. Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in. 
Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a; nami hamaan ammoo badii keessa bu'a. 
Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin; yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin. 
Itti gammadiisa keeti yoo dhagge, Mootiin Waan Maraa hin jaalatu; aarii ifii isa irraa hin deebisa. 
Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin; yookiin hamoolee hin hinaafin. 
Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu; issaan nama hama'aalle hin dhaama. 
Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu; worra finqilaa woliin jaala hin te'in. 
Mootiin Waan Maraatii fi mootichi dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan; badii isaan fidanu eentu beeka ree? 
Isaan kunille jecha qaro'oo ti: Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti. 
Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu, kolbaan hin abaarti; gosi biyya adda addaalle hin jibbiti. 
Worra nama hamaa xixuuf ammoo wonni dansaan hin teeti; eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a. 
Deebii dhuga'aa deebisuun, akka sunqaa hidhi'ii ti. 
Hujii alaa fixadhuu, fichaa keeti qopheeffadhu; achiin duuba mana keeti ijaaradhu. 
Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin yookiin hidhii teetiin nama hin sobin. 
Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha; gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin. 
Ani fichaa nama booseyaa keessa, oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee keessa dabaree deeme. 
Addee mara qoreen itti latteerti; shuqunaan lafa golliteerti; dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera. 
Ani waan kana ilaalee itti yaadee, waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe: 
Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii, yennaa diqqoo isi'ii mugii, foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii harka wol irra naqadhu. 
Garuu hiyyuun akka saantu'uu, beelti akka nama meya lolaa hidhatee sitti hin dhufan. 
