﻿Kitaaba Fakkeennaa.
23.
Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu, waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali. 
Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle, ifi qabadhu. 
Sagaleen sun waan si sodduuf, mi'aan isi'ii si hin joljolsin. 
Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin; ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu. 
Durummaan akka risaa koolaan ka'uu, haga lipheettii ilaatitti, nama duraa baduu hin dandeetti. 
Sagalee nama donnaa hin nyaatin; mi'aan isi'ii si hin joljolsin. 
Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti; inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha; gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru. 
Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda; dubbii galataa teetille hin balleessita. 
Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf, gowwa'atti hin dubbatin. 
Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussin yookiin fichaa ijoollee abbaa hin qannee meessaa hin dabarin. 
Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef, inni isaaniif hin falmata. 
Qalbii teeti gara gorsaa, gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu. 
Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin; kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu. 
Ati yoo kuta'aan isaan dhaante, lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta. 
Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete, gadhaan kiyya hin gammada. 
Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu, keessi kiyya guddoo gammada. 
Yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatiisaaf hinaaf malee, cubbaaleyyi'itti hin hinaafin. 
Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda; addiin teetille hin baddu. 
Ilma kiyya, caqasi; qaroolle te'i; qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu. 
Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fi worra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin. 
Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan; hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa. 
Abbaa keeti ka si uume dhage'i; haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin. 
Dhuga'aa fi qarummaa, gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin. 
Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba; ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada. 
Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti; haati si deette akka malee gammadduu ti. 
Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni; ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti. 
Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti; niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti. 
Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan; dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan. 
Ka waacifu eennu? Ka gaddu eennu? Ka wol dhabu eennu? Ka nama komatu eennu? Ka sababa malee madowu eennu? Ka ila diimatu eennu? 
Worra daadhii woyni'ii irra turu, ka yennaa mara daadhii woyni'ii ta makaa qaddu barbaaduu motii ree? 
Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu, shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu, akka kasoo yennaa isii unanu si hin halchisiisin. 
Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi; akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi. 
Ilti teeti waan haareya dhaggiti; qalbiin teetille hin cucurruuxxi. 
Akka nama abbaayaa irra rafuu, akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta. 
Ati, «Na dhowane; ani ammoo hin miidhanne; na dhaanane; ani ammoo hin dhukkuffanne; untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta. 
