﻿Kitaaba Fakkeennaa.
14.
Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti; dubartiin gowwaan ammoo harkuma ifiitiin mana ifii diiddi. 
Nami karaa qajeelaa ideemu Mootii Waan Maraa sodaata; ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata. 
Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida; nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega. 
Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a; hunna qotiyyo'ootiin ammoo midhaan hin bacata. 
Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata. 
Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada; garuu hin dhaggatu; worra qalbeeffataa ammoo beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu. 
Afaan isaa irraa beekkumsa waan hin dhagganneef, nama gowwaa irraa fagaadhu. 
Qarummaan nama qalbeeffata'aa karaa irraa akka hin gorre tolchiti; gowwummaan nama gowwa'aa ammoo karaa irraa gorsiti. 
Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan; odduu worra qajeela'aa ammoo fedhii dansa'atti jira. 
Nami martinuu gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka; ka isa woliin qoodamu hin jiru. 
Manni worra hama'aa hin jiga; qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti. 
Karaan sirrii namatti fakkaatu jira; muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa. 
Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a; gammadi gaddaan muummowuu dande'a. 
Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata; nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata. 
Gowwaan waan mara dhugeeffata; qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata. 
Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a; nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu; hin ariifatalle'e. 
Nami dafee aaru waan gadhee huja; nami mala namatti dhowu hin jibbatama. 
Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala; nami qalbeeffataan beekkumsa akka kallachaa keyata. 
Worri hamaan worra dansaa duratti, worri cubbaaleyyiin karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan. 
Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama; dureessi ammoo jaalota hedduu qaba. 
Nami nama tuffatu cubbaalessa; nami hiyyeessaaf nayu ka gammade. 
Worri mala hamaa dhowu karaa irraa goranii motii ree? Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman; hin addatamanille'e. 
Jabaatanee hujiis bu'aa qaba; oduu callaa odeessiis ammoo gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti. 
Qananummaan kallacha qaroole'ee ti; gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti. 
Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba. 
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu kushee jadduu qaba; ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti. 
Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa. 
Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti; kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada. 
Nami ossatu hubantii guddoo qaba; nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa. 
Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna; hinaaffaan ammoo lafee tortorsa. 
Nami hiyyeessa cunqursu ka isa dade tuffata; ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo Waaqaaf ulfinna kenna. 
Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada; nami balchaan du'a keessalle'etti addee itti baqatu qaba. 
Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti; isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu. 
Balchummaan kolbaa ol qaddi; cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti. 
Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada; ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata. 
