﻿Kitaaba Fakkeennaa.
13.
Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata; ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u. 
Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa, waan dansaa dhaggata; worri hin addatanne ammoo hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan. 
Nami afaan ifii eegatu, jiruu ifii eegata; ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada. 
Nami boosenni hin halcha malee womaa hin dhaggatu; nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata. 
Nami balchaan dhara jibba; nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida. 
Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi; hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa. 
Nami womaa adoo hin qabaatin dureessa ifi fakkeessu tokko jira; ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra. 
Nami dureessi karra ifiitiin jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a; nami hiyyeessi ammoo karra waan hin qanneef, jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu. 
Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa; issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama. 
Ifi jajiis lola qofa kaasa; qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti. 
Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi; ka diqqeessee diqqeessee kuufate ammoo itti ede'ata. 
Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti; halchaan muummotte ammoo midhaan muka jiru'uu ti. 
Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida; nami ajaja ulfeessu ammoo gatii irraa dhaggata. 
Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa. 
Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti; karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i. 
Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata; gowwaan ammoo gowwummaa ifii badhinnatti mudhisa. 
Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala; ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa. 
Nama qajeelfama tuffatu hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa; nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata. 
Halchaan muummottu namatti mi'ootti; gowwooleen ammoo waan hantuu irraa deebi'iisa jibban. 
Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a; waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra. 
Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti; qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti. 
Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif dhaala lakkisee dabara; qabeenni cubbaalessaa ammoo balcha'aaf kuufama. 
Fichaan nama hiyyeessaa midhaan bacaa kennuu dande'a; haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa. 
Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba; ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa. 
Nami balchaan haga quufutti nyaata; nami hamaan yennaa mara beelota. 
