﻿Kitaaba Fakkeennaa.
5.
Ilma kiyya, qarummaa tiyyatti xiyyeeffadhu; gara hubantii tiyyaa gurra keeti deebifadhu. 
Yoo tana goote waan hantu'uu fi dansaa gargar hin baafatta; dubbiin teetille beekkumsa hin mudhitti. 
Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti; dubbiin isi'ii zayitii caalaa lallaatti; 
dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti; akka shallaagaa qara lamaa qara qaddi. 
Miilli isi'ii gara du'aa deema; ijjati isi'ii daandii gara addee worri du'e jiru geessa. 
Isiin karaa jiru'uu hin yaadattu; karaan isi'ii daddaba'a; ammoo isi'itti hin beekkamu. 
Amma ilmaan tiyya, na caqasa'a; jecha afaan kiyyaa irraa hin gorina'a. 
Karaa keeti isii irraa fageessi; qarqara balbala mana isi'iititti hin dhikaatin. 
Yoo tana godhuu dhabaatte, ulfinna keeti namoota dhibi'iif, jiruu teetiille nama marartii hin qannetti hin kennita. 
Karra teetille alagaan hin fudhata; eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti. 
Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate, muummee jiruu teetiititti hin aadda; 
ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe? Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate? 
Ani barsiisota tiyya hin caqanne; gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne. 
Wolde'a kolba'aa duudii keessatti, badii guddoo biraan baye» hin jetta. 
Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi baleessuma keetii, achuma keessaa uni. 
Maddi keeti diidatti, bisaan lagaa keeti karaa keessatti dhangala'uu qabaa ree? 
Isaan si qofaaf te'anuu ti; alagaa woliin hin qoodamin. 
Maddi keeti ka eebbifame te'uu ti; niitii teeti ta qeedhumma'aan fuute woliin firinxiixi. 
Isiin jaalatantuu akka gadansaa, biifa qabeettii akka jiliba'aa sii teetuu ti. Harmi isi'ii yennaa mara dheebuu si baasuu ti; jaalala isi'iitiin yennaa mara machowi. 
Ilma kiyya, maaf dubartii gaarayyeeffattu'uun machootta? Maaniif qoma dubartii nama dhibi'ii hanqafatta? 
Hujiin namaa Mootiin Waan Maraa duratti ifa; inni daandii namaa mara dhagga. 
Nami hamaan hujuma ifiitiin tiyyoo seena; cubbuma ifiitiin qabama. 
Inni qajeelfama waan dhabeef du'a; gowwummaa guddoo ifiitiin karaa irraa miliqa. 
