﻿Kitaaba Fakkeennaa.
1.
Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa'elii ka asii gad jiranu: 
Isaan kun namooti qarumma'aa fi qajeelfama dansaa akka fudhatanu, jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu, akka hubatanu, 
balchumma'aa fi haqaan, waan dhugaa te'e godhiisaan, amala qarumma'aatiin qajeelfama akka fudhatanu, 
worri beekkumsaan hin bilchaatin, hubantii akka qabaatanu, dargaggooti beekkumsaa fi, qalbii akka qabaatanu qarqaaran. 
Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee, barumsa ifii itti ede'atanuu ti; worri hubantii qabanulle qajeelfama irraa fudhatanuu ti. 
Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa, hiikkaa jedhi'iitii fi hiibboo worra qaroole'eelle hin hubatan. 
Qarummaan jalqabaa, Mootii Waan Maraa sodaatiisa; gowwooleen ammoo, qarumma'aa fi gorsa tuffatti. 
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage'i; barsiisa haadha teetiille hin lakkisin 
Barsiisi isaanii, mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti; morma keetiifille, akka meya seesaaf diramee ti. 
Ilma kiyya, cubbaaleyyiin yoo si hawadatte, tole hin jedhiniif. 
Isaan yoo, «Nu woliin koy; dhiiga namaa dhangalaasiisaaf dhokannee gaadanna; nama yakkaa hin qanne, sababa malee miidhiisaaf kara'atti eeganna! 
Akka addee worri du'e jiru, akka worra gara boolla awwaalaa gad bu'uu, adoo isaan jiru'uu fi fayya'aan jiranuu, kowaa isaan liqinsinaa ti! 
Nuuti meya gatii guddo'oo ka gosa adda addaa hin dhagganna; mana keennalle waan saamanneen hin guutanna! 
Koy nu woliin hirmaadhu; waan hannaan fudhanne woliin qoodanna» yoo si'iin jedhane, 
Ilma kiyya, isaan woliin hin deemin; daandii isaanii irraa miila keeti eeggadhu. 
Miilli isaanii gara cubbu'uu rukkisa; isaan dhiiga dhangalaasiisaaf ariifatan. 
Adoo sinbirree dhaggituu fonxoroo itti afuun, bu'aa hin qaddu. 
Namooti kun dhiiguma ifii dhangalaasiisaaf dhokatanee gaadan; isaan ifuma dhokatanee gaadan. 
Muummeen worra joljoluu akkas jirti; joljolummaan isaan ijjeetti. 
Qarummaan woldeennaa kara'aa keessaa iyyitee waammatti; badhinna keessaa qoonqoo ol qabattee iyyiti. 
Karaa namooti hogisanu keessaa iyyiti; seensuma qacha'aa keessaa dubbatti: 
Isiin, «Isin worri gowwooleen, haga yoomii, gowwummaa teessan jaalattan? Isin worri murgaameyyiin, haga yoomii, murgoo teessanitti gammaddan? Isin worri gowwooleen, haga yoomii beekkumsa jibbitan? 
Isin xixicha kiyya yoo dhageettane, ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru, yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu. 
Isin ammoo, yennaa ani waamu eega diddanee, yennaa ani harka kiyya diriirsu, eega itti hin xiyyeeffatinii, 
isin gorsa kiyya mara tuffatanee, xixicha kiyyalle eega hin fudhatinii, 
yennaa isin farra keessa jirtanu, anille isinitti hin kolla. Yennaa balaan isinitti bu'u ani isinitti hin murga. 
Yennaa wonni hantuun, akka bubbee bokkeyaa isinitti dhuttu, yennaa balaan akka hobonbolatti'ii isin haxowu, yennaa dhippinnii fi rakkinni isin irra garagalu, ani isinitti murga. 
Yennaa san isin na hin waantan; ani ammoo deebii isiniif hin kennu; Isin akka malee na barbaaddan, ammoo na hin dhaggitanu. 
Isin beekkumsa Waan jibbitaneef, Mootii Waan Maraa sodaatiisa, waan hin filanneef, 
Isin gorsa kiyya waan hin fudhatiniif, xixicha kiyya mara waan tuffataneef, 
isin midhaanuma hujattane hin nyaattan; bu'aa mala nama irratti dhoottanee hin dhaggatan. 
Worra beekkumsaan hin bilchaatin qarummaa irra fagaatiisatti ijjeesa; gowwooleelle rincica isaaniititti, isaan balleessa. 
Worri na dhage'u ammoo, nageyaan le'a; waan hantuu adoo hin sodaatin, bidhaa malee jiraata» jetti. 
