﻿Kitaaba Faaru'uu.
148.
Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ol-gubbaa keessaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; gubbaa olii keessatti isa leellisa'a. 
Ergantooti isaa marti, loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a. 
Ji'aa fi aduun isa leellisa'a; isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a. 
Isin ol-gubbaan ol gubbootaa, isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a. 
Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef, maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti. 
Inni haga bara baraa addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe; seera hin jijjiiranne isaanii kenne. 
Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa, qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu, lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa, qorrii fi hurriin, hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu, 
Gaarotii fi kooboti martinuu, mukooti midhaan buusuu fi birbirsooti martinuu, 
bineensaa fi horiin martinuu, bineensoti lafa irra lootanuu fi koolaan kaatanu martinuu, Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
Moototi lafaatii fi gosi biyya adda addaa martinuu, qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu, 
dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa, jaarsole'ee fi ijoolleen, Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Maqaan isaa callaan ka saadame waan te'eef, ulfinni isaa lafaa fi ol-gubbaa irra waan jiruuf, isaan maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti. 
Kolbaan isaa Israa'elooti, worri isatti dhikaatanu, addatantooti isaa akka isa leellisanu, jabeenna isaaniif kenne. Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
