﻿Kitaaba Faaru'uu.
147.
Mootii Waan Maraa leellisa'a; Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis attam attam dansa'a! Isa leellisiis nama gammachiisa; dansaalle'e. 
Mootiin Waan Maraa Yerusaalem deebisee hin ijaara; namoota Israa'elii ka bittinnowanelle deebisee hin fida. 
Inni worra gaddaan gadhaan isaanii madaye hin fayyisa; madaa isaaniille hin hidha. 
Inni laakkossa urjootaa haga beeka; mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama. 
Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a; akka malee hunna qaba; beekkumsi isaalle hagana hin jedhamu. 
Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu ol hin qaba; worra hamaaleyyii ammoo lafatti jissa; 
Faaruu galataa Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a. 
Inni ol-gubbaa duumensaan golla; lafaaf rooba kenna; koobota irratti marri akka latu godha. 
Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna; ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu inni isaan hin soora. 
Inni jabeenna fardaatiin, yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin hin gammadu. 
Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu, jaalala isaa ka bara baraatitti addii godhatuun gammada. 
Ee Yerusaalem, Mootii Waan Maraa leellifadhu; Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu. 
Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa; kolbaa si keessatti hin eebbisa. 
Meessaa keeti nageya hin godha; qamadii dansa'aan si hin quussa. 
Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga; jechi isaa ariiti'iin hin muummowa. 
Inni dhakaa roobaa akka fuutta'aa diriirsa; qorra akka daadha'aa facaasa. 
Inni dhakaa roobaa akka katta'aa godhee gad buusa; qorra isaa eentu dura dhaabbatuu dande'a? 
Inni jecha ifii hin erga; dhakaan roobaa sun hin baqa; qilleensi akka dhufu hin godha; dhakaan roobaa sunille bisaan te'ee yaa'a. 
Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti seera ifiitii fi qajeelcha ifii Israa'elitti hin hima. 
Inni gosa biyya dhibi'iitiif akkas hin goone; isaan seera isaa hin beekanu. Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
