﻿Kitaaba Faaru'uu.
146.
Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi! 
Ani bara le'ii tiyyaa mara Mootii Waan Maraa leellisa; haga jiru mara Waaqa kiyyaaf faaruu leellisaa hin faarfadha. 
Worra isin baasuu hin dandeenne, qondaaltota ilmaan namaa itti hin addatina'a! 
Isaan yennaa du'anu, gara biyye'ee deebi'an; guyyuma san karoorri isaanii hin bada. 
Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e, ka Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti. 
Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi waan isaan keessa jiru mara dade; inni haga bara baraa addatamummaa ifii hin eegata. 
Inni worra cunqurfameef haqaan mura; worra beeloteef sagalee kenna. Mootiin Waan Maraa worra hidhame bilisa baasee, 
worra ballaa ila bana. Worra gad jedhe ol qaba; worra balchaa jaalata. 
Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega; inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara; karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa. 
Ee Xiyoon, Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa, dhalootaa haga dhalootaatitti, haga bara baraa hin bulcha. Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
