﻿Kitaaba Faaru'uu.
145.
Ee Waaqa mootii kiyya, ani si hin saadadha; bara baraa haga bara baraa maqaa keeti hin leellifadha. 
Guyyuma guyya'aan si hin leellisa; bara baraa haga bara baraa maqaa keeti hin saadadha. 
Mootiin Waan Maraa gudda'a; guddoo leellifamuu male; guddinni isaa qorqoramee bira hin geyamu. 
Dhalooti tokko hujii teeti dhaloota itti aanutti jaja; hujii teeti ta maade'ee hin lassa. 
Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa hin dubbatan; anille marroo hujii teeti ta baasaa itti deddeebi'ee hin yaadadha. 
Isaan marroo hunna hujii teeti ta baasaa hin dubbatan; anille guddinna keeti hin odeessa. 
Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa hin jilifatan; Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan. 
Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e; aari'iif hin ariifattu; jaalalli isaalle gudda'a. 
Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a; inni waan ifii dade mara hin marara. 
Ee Mootii Waan Maraa, wonni ati dadde marti si hin leellifatti; kolbaan teeti marti si hin saadatti. 
Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii, marroo hunna teetii hin dubbatan. 
Akka kanaan namooti marti hujii teeti ta baasaatii fi mootummaa teeti arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan. 
Mootummaan teeti mootummaa bara baraa ti; ati haga bara baraa hin bulchita. 
Mootiin Waan Maraa worra jigaaru mara hin utuba; worra jigelle ol kaasa. 
Ilti nama maraa gara keeti ilaalti; atille sagalee isaanii yennaa maltetti isaanii kennita. 
Ati harka keeti diriirsitee, halchaa waan lubbuu qabu maraa hin quussita. 
Mootiin Waan Maraa karaa hujii ifii maraan balcha'a; waan huju maraan addatama'a. 
Mootiin Waan Maraa worra isa waammatu maraaf, worra dhuga'aan isa waammatu maraaf dhikoo jira. 
Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta; iyya isaaniille dhage'ee, isaan hin baasa. 
Mootiin Waan Maraa worra isa jaalatu mara hin eega; worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa. 
Afaan kiyya leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata; ka foon uffate martille bara baraa haga bara baraa, maqaa isaa woyyicha hin leellisa. 
