﻿Kitaaba Faaru'uu.
144.
Rassaan kiyya, ka harka kiyya lolaaf, quba kiyya woraanaaf leenjisu, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. 
Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu, kushee tiyya jadduu, dalleya dhaka'aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya, wontee tiyya ta ani itti baqadhu, ka kolbaa tiyya hedduu na jalatti akka ajajantu godhu. 
Ee Mootii Waan Maraa, akka ati isa kunuunsituuf, nami maan inni? Yookiin akka ati isaaf yaadattuuf, ilmi namaa maan inni? 
Nami akka baafata hafuuraa tokkochaa ti; barri jiruu isaaniille akka gaaddisa dabaruu ti. 
Ee Mootii Waan Maraa, ol-gubbaa dayyaasii gad bu'i; akka aarri keessaa bayu, gaarota tuqi. 
Balaqqeettii balaqqisiitii diinota bittinneessi; daaya keeti darbadhuutii isaan ari'i. 
Gubbaa irraa harka keeti gad diriirsi; bisaan guddaa keessaa, harka ormaatii na baasiitii na hamburi. 
Afaan isaanii soba dubbata; harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan. 
Ee Waaqa, ani faaruu haareya si'iif hin faarsa; kiraara guddicha ribuu kudhan qabu dhowataa si faarfadha. 
Ati moototaaf injifachaa kennita; tajaajilaa keeti Daawitille shallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta. 
Na hamburi; harka worra ormaa keessaa na baasi; afaan isaanii soba dubbata; harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan. 
Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin akka biqiltuu guddinna toltee, ijoolleen durraa teenna akka utubaa mana mootumma'aa seesiisaaf bocamee te'anuu ti. 
Gootaraan keenna midhaan adda addaatiin guutamuu ti; hooloti teenna kumootaan, kumoota kudhaniin diida keenna keessatti hortuu ti. 
Horiin keenna dodorrobuu ti; gadha'aa gatiisi, sadheessiisi hin jiraatin. Booji'amiis hin jiraatin; karaa keenna irratti iyyi gaddaa hin jiraatin. 
Kolbaan eebbi akkasii te'eef gammadduu ti; kolbaan Mootiin Waan Maraa Waaqa isi'ii te'eef gammadduu ti. 
