﻿Kitaaba Faaru'uu.
142.
Ani qoonqoo ol qabadhee, gara Mootii Waan Maraa iyya; marartii dhaggatiisaaf Mootii Waan Maraa gaafadha. 
Komii tiyya mara isa duratti dhangalaasa; rakkinna kiyyalle isa duratti himadha. 
Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru, gara ani ideemaaru ati hin beetta. Daandii ani irra ideemu keessa, isaan fonxoroo naaf dhossaneeran. 
Adaala kiyya ilaalii dhaggi; nami naaf yaadatu hin jiru; addeen ani itti baqadhu hin jirtu; nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu. 
Ee Mootii Waan Maraa, ani gara keeti iyya; ani, «Ati ka ani itti baqadhu; lafa worra jiraata'aa tana keessatti ati qooda kiyya» jedha. 
Ani waan qarqaarsa hin qanneef, iyya tiyya naaf caqasi; worri na miidhu guddoo waan natti jabaataneef, ati isaan jalaa na baasi. 
Maqaa keeti akka leellifadhu, hidhaa keessaa na baasi. Ati waan dansaa waan naa gooteef, worri balchaan na hin marsan. 
