﻿Kitaaba Faaru'uu.
140.
Ee Mootii Waan Maraa, namoota hamaa jalaa na baasi; worra hunnaan nama irratti ka'u na irraa eegi. 
Isaan waan hantuu qalbii ifii keessatti yaadan; yennaa mara lola kaasan. 
Isaan arraba ifiitiin akka dhudhuufa'aa nama iddan; hidhii isaanii jala hadhaa buuti'iititti jira. 
Ee Mootii Waan Maraa, harka worra hama'aa irraa na eegi; worra hunnaan nama irratti ka'u, ka miila kiyya qaxafiisaaf mala dhowanu irraa na eegi. 
Worri kooru fonxoroo naaf afe; isaan wodaroo caccoo ifii diriirsane; tiyyoo karaa irratti naaf keyane. 
Ee Mootii Waan Maraa, ani si'iin, «Ati Waaqa kiyya» jedha; ee Mootii Waan Maraa, iyya tiyya dhage'i. 
Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa kiyya, jabaa na baachu; ati guyyaa lolaa mataa kiyya golliteerta. 
Ee Mootii Waan Maraa, fedhii nama hama'aa hin muummessiniif; mala dhowelle hin milkeessiniif. 
Worra na marsee mataa togu, sababi afaan isaanii isaanuma irratti garagaluu ti. 
Kashilli ibiddaa isaan irra bu'uu ti; ibiddatti yookiin, boolla deebi'anee keessaa hin baane, keessatti gatamanuu ti. 
Nami maqaa namaa balleessu biyya keessatti hin qubatin! Ka hunnaan nama irratti ka'ulle wonni hantuun isa adansituu ti. 
Mootiin Waan Maraa haajaa worra hiyyeeyyi'ii akka fixu, worra rakkata'aaf haqa akka muru ani hin beeka. 
Dhugumaan worri balchooleen maqaa isaa hin leellisan; worri qajeelaan fuula isaa dura hin le'an. 
