﻿Kitaaba Faaru'uu.
136.
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, isa galateeffadha'a; jaalalli isa ka bara baraa ti. 
Waaqa waaqotaa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Goottaa goottotaa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka qofuu baasa guddaa huju, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka lafa bisaan gubbaa diriirse, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka ifa gugurdaa huje, jaalalli isaa haga bara baraa jiraata. 
Ka aduun guyyaa baallii akka qabaattu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka Ji'aa fi urjooti halkan akka baallii qabaatanu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin tana godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka abbaayaa diintuu gargar kute, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka kolbaan Israa'elii odduu isi'ii akka dabartu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Fara'oonii fi loltoota isaa ammoo abbaayaa diintuu keessatti ka fixe; jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka goomolee keessa kolbaa ifii sooresse, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka mootota gugurdoo ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka mootota hunnaameyyii ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka mootii worra Amoorotaa, Sihoon ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka lafa isaanii dhaala godhee Israa'elootaaf kenne, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Israa'eloota tajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka injifatama keenna keessatti nu qaabate, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka diinota keenna jalaa nu baase, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Ka dada maraaf sagalee kennu, jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti. 
