﻿Kitaaba Faaru'uu.
135.
Mootii Waan Maraa leellisa'a! Maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, isa leellisa'a! 
Isin worri mana Mootii Waan Maraa keessaa fi badhinna mana Waaqa keennaa keessa tajaajiltanu isa leellisa'a. 
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, isa leellisa'a! Maqaan isaa gammachiisaa waan te'eef, faaru'uun leellisa'a! 
Mootiin Waan Maraa Yaaqoob ifiif, Israa'el qabeenna ifii ka addaa godhee filateera. 
Mootiin Waan Maraa guddaa akka te'e, Goottaan keenna waaqota mara akka caalu ani hin beeka. 
Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti, abbaaya'aa fi qilee isi'ii mara keessatti, Mootiin Waan Maraa waan fedhe mara godha. 
Inni duumensa qaccee lafaatii kaasee fida; bokkeya woliin balaqqeettii, mana kuusaa ifii keessaa qilleensa fida. 
Inni angafa ilmaan namaatii fi hori'ii ka biyya Gibxi'ii fixe. 
Ee biyya Gibxi'ii, inni si keessatti Fara'oonii fi tajaajiltoota isaa mara irratti, bilbaasaa fi waan maade'ee huje. 
Inni gosa biyya adda addaa hedduu gad dhowee, mootota hunnaameyyii, 
mootii Amoorotaa Sihoon, mootii biyya Baashaanii Oog, mootummoota Kana'aanii mara ijjeese. 
Lafa isaaniille akka dhaalaatitti, kolbaa ifii Israa'eliif dhaala kenne. 
Ee Mootii Waan Maraa, maqaan keeti haga bara baraa jiraata; Ee Mootii Waan Maraa, dhaloota mara keessatti hin qaabatanta. 
Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif muraa hin kenna; tajaajiltoota ifiitiifille marartii hin qaba. 
Waaqoti dharaa ka gosa biyya adda addaa worqi'ii fi meetii, harka namaatiin hujamane. 
Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; ila qaban malee, hin dhagganu. 
Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; afaan isaanii keessalle hafuurri hin jiru. 
Worri isaan hujuu fi isaanitti dhugeeffatu martinuu, akkuma isaanii jiran. 
Ee kolbaa Israa'elii, Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ee hayyoota sanyii Aaronii, Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Sanyii Lewwootaa, Mootii Waan Maraa leellisa'a! Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem keessa le'u, Xiyoon keessatti leellifamuu ti! Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
