﻿Kitaaba Faaru'uu.
134.
Isin tajaajiltooti Mootii Waan Maraa marti, worri halkan Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltanu, Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Addee Woyyittii keessatti harka keessan ol kaasa'aa, Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa dade, Xiyoon keessaa isin eebbisu ti! 
