﻿Kitaaba Faaru'uu.
133.
Kolbaan Waaqaa tokkumma'aan yennaa woliin leetu, attam attam dansa'a; attam attam nama gammachiisa! 
Tokkummaan tun akka zayitii ejersaa ta gatii guddo'oo ta mataa irraa areeda irra gad yaatu, areeda Aaronii irra, haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti. 
Tokkummaan tun akka fixeensa gaara Hermoonii, ka gaarota Xiyoonii irratti bu'uu ti; eebbi jiruu bara baraa achi irratti akka dhaggamu Mootiin Waan Maraa ajajeera. 
