﻿Kitaaba Faaru'uu.
132.
Ee Mootii Waan Maraa, Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu. 
Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee, Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee, 
«Haga Mootii Waan Maraatiif addee qopheessutti, Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif haga mana ijaarutti, mana kiyya hin seenu; yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu. Ani hin rafu; yookiin hin mugu» jedhe. 
Nuuti Efraata'atti marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne; diida Yaa'ariititti isii dhaggine. 
Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu dhandhaa! Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa. 
Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin, gara addee foora keetii dhaqi. 
Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti; Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti. 
Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii, nama muudde hin lakkisin. 
Mootiin Waan Maraa kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane, Daawitiif kakatee, «Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha, ani barcumaa mootumma'aa keeti irra hin teessisa. 
Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane, ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane, ilmaan isaaniille haga bara baraa barcumaa mootumma'aa keeti irra hin tee'an» jedheera. 
Mootiin Waan Maraa Xiyoon waan filateef, qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera: 
Inni, «Tun haga bara baraa addee foora kiyyaa ti; ani waan isii jaaladheef, addee le'u isii hin godhadha. 
Waan nyaataatiin baceessee isii hin eebbisa; hiyyeeyyii isi'ii sagalee hin quussa. 
Hayyoota isi'ii fayyinna itti hin uffisa; addatantooti isi'iille ilillisaa hin faarsan. 
Maatii Daawitii keessaa mootii hin muuda; ka muude saniif akka inni bulchu karaa hin qopheessa. 
Diinota isaa qaanii itti hin uffisa; kallachi isa irraa ammoo hin balaqqisa» jedheera. 
