﻿Kitaaba Faaru'uu.
131.
Ee Mootii Waan Maraa, gadhaan kiyya hin kooru; mataa hin dhaabu; waan gugurdoo, yookiin waan baasaa hin huju. 
Akka annuu harma irraa guutee haadha woliin jirtuu, ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise; akka annuu harma irraa guutee, lubbuun tiyya na keessatti cadhitte. 
Ee kolbaa Israa'elii, ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti, Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu. 
